< 诗篇 60 >

1 大卫与两河间的亚兰并琐巴的亚兰争战的时候,约押转回,在盐谷攻击以东,杀了一万二千人。那时,大卫作这金诗叫人学习,交与伶长。调用为证的百合花。 神啊,你丢弃了我们,使我们破败; 你向我们发怒,求你使我们复兴!
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame. Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas; nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!
2 你使地震动,而且崩裂; 求你将裂口医好,因为地摇动。
Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta; caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.
3 你叫你的民遇见艰难; 你叫我们喝那使人东倒西歪的酒。
Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta; daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.
4 你把旌旗赐给敬畏你的人, 可以为真理扬起来。 (细拉)
Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif, ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.
5 求你应允我们,用右手拯救我们, 好叫你所亲爱的人得救。
Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.
6 神已经指着他的圣洁说:我要欢乐; 我要分开示剑,丈量疏割谷。
Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera; “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
7 基列是我的,玛拿西也是我的。 以法莲是护卫我头的; 犹大是我的杖。
Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti. Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
8 摩押是我的沐浴盆; 我要向以东抛鞋。 非利士啊,你还能因我欢呼吗?
Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
9 谁能领我进坚固城? 谁能引我到以东地?
Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
10 神啊,你不是丢弃了我们吗? 神啊,你不和我们的军兵同去吗?
Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii? Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
11 求你帮助我们攻击敌人, 因为人的帮助是枉然的。
Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar; gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
12 我们倚靠 神才得施展大能, 因为践踏我们敌人的就是他。
Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.

< 诗篇 60 >