< 诗篇 109 >

1 大卫的诗,交与伶长。 我所赞美的 神啊, 求你不要闭口不言。
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ani galateeffadhu ati hin calʼisin;
2 因为恶人的嘴和诡诈人的口已经张开攻击我; 他们用撒谎的舌头对我说话。
namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni, afaan isaanii natti banatanii jiruutii; isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru.
3 他们围绕我,说怨恨的话, 又无故地攻打我。
Isaan dubbii jibbaatiin na marsan; sababii tokko malees na lolan.
4 他们与我为敌以报我爱, 但我专心祈祷。
Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan; ani garuu nan kadhadha.
5 他们向我以恶报善, 以恨报爱。
Qooda waan gaarii hammina, qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan.
6 愿你派一个恶人辖制他, 派一个对头站在他右边!
Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi; seexannis karaa mirga isaa haa dhaabatu.
7 他受审判的时候, 愿他出来担当罪名! 愿他的祈祷反成为罪!
Yommuu qoratamutti isatti haa muramu; kadhannaan isaas cubbuu isatti haa taʼu.
8 愿他的年日短少! 愿别人得他的职分!
Umuriin isaa haa gabaabbatu, aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.
9 愿他的儿女为孤儿, 他的妻子为寡妇!
Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan; niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu.
10 愿他的儿女漂流讨饭, 从他们荒凉之处出来求食!
Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan; mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman.
11 愿强暴的债主牢笼他一切所有的! 愿外人抢他劳碌得来的!
Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu; buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman.
12 愿无人向他延绵施恩! 愿无人可怜他的孤儿!
Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin, yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin.
13 愿他的后人断绝, 名字被涂抹,不传于下代!
Sanyiin isaa haa dhumu; maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu.
14 愿他祖宗的罪孽被耶和华记念! 愿他母亲的罪过不被涂抹!
Balleessaan abbootii isaa fuula Waaqayyoo duratti haa yaadatamu; cubbuun haadha isaas hin haqamin.
15 愿这些罪常在耶和华面前, 使他的名号断绝于世!
Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf, cubbuun isaanii yeroo hunda fuula Waaqayyoo dura haa jiraatu.
16 因为他不想施恩, 却逼迫困苦穷乏的和伤心的人, 要把他们治死。
Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota, warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii.
17 他爱咒骂,咒骂就临到他; 他不喜爱福乐,福乐就与他远离!
Inni abaaruu jaallate; abaarsi sun isumatti haa deebiʼu; inni eebbisuu hin jaallanne; eebbis isa irraa haa fagaatu.
18 他拿咒骂当衣服穿上; 这咒骂就如水进他里面, 像油入他的骨头。
Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata; abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena; akkuma zayitiis lafee isaa lixa.
19 愿这咒骂当他遮身的衣服, 当他常束的腰带!
Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu, sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu.
20 这就是我对头和用恶言议论我的人 从耶和华那里所受的报应。
Kaffaltiin Waaqayyo warra na himatanii fi warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu.
21 主—耶和华啊,求你为你的名恩待我; 因你的慈爱美好,求你搭救我!
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar; gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi.
22 因为我困苦穷乏, 内心受伤。
Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii; garaan koos na keessatti madaaʼeera.
23 我如日影渐渐偏斜而去; 我如蝗虫被抖出来。
Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera; akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera.
24 我因禁食,膝骨软弱; 我身上的肉也渐渐瘦了。
Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera; dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera.
25 我受他们的羞辱, 他们看见我便摇头。
Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera; isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu.
26 耶和华—我的 神啊,求你帮助我, 照你的慈爱拯救我,
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na gargaari; akkuma jaalala keetiittis na oolchi.
27 使他们知道这是你的手, 是你—耶和华所行的事。
Yaa Waaqayyo, akka wanni kun harka kee taʼe, akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan.
28 任凭他们咒骂,惟愿你赐福; 他们几时起来就必蒙羞, 你的仆人却要欢喜。
Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta; yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu; tajaajilaan kee garuu ni gammada.
29 愿我的对头披戴羞辱! 愿他们以自己的羞愧为外袍遮身!
Himattoonni koo salphina haa uffatan; akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman.
30 我要用口极力称谢耶和华; 我要在众人中间赞美他;
Ani afaan kootiin guddisee Waaqayyoon nan galateeffadha; waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha.
31 因为他必站在穷乏人的右边, 要救他脱离审判他灵魂的人。
Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee, karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii.

< 诗篇 109 >