< 箴言 4 >

1 众子啊,要听父亲的教训, 留心得知聪明。
Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
2 因我所给你们的是好教训; 不可离弃我的法则。
Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.
3 我在父亲面前为孝子, 在母亲眼中为独一的娇儿。
Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,
4 父亲教训我说:你心要存记我的言语, 遵守我的命令,便得存活。
inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
5 要得智慧,要得聪明,不可忘记, 也不可偏离我口中的言语。
Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.
6 不可离弃智慧,智慧就护卫你; 要爱她,她就保守你。
Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.
7 智慧为首; 所以,要得智慧。 在你一切所得之内必得聪明 。
Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
8 高举智慧,她就使你高升; 怀抱智慧,她就使你尊荣。
Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; isa hammadhu; innis si kabajaatii.
9 她必将华冠加在你头上, 把荣冕交给你。
Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”
10 我儿,你要听受我的言语, 就必延年益寿。
Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa.
11 我已指教你走智慧的道, 引导你行正直的路。
Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa.
12 你行走,脚步必不致狭窄; 你奔跑,也不致跌倒。
Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; yoo fiigdu illee ati hin gufattu.
13 要持定训诲,不可放松; 必当谨守,因为它是你的生命。
Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.
14 不可行恶人的路; 不要走坏人的道。
Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.
15 要躲避,不可经过; 要转身而去。
Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.
16 这等人若不行恶,不得睡觉; 不使人跌倒,睡卧不安;
Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.
17 因为他们以奸恶吃饼, 以强暴喝酒。
Isaan buddeena hamminaa nyaatu; daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.
18 但义人的路好像黎明的光, 越照越明,直到日午。
Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.
19 恶人的道好像幽暗, 自己不知因什么跌倒。
Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.
20 我儿,要留心听我的言词, 侧耳听我的话语,
Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni.
21 都不可离你的眼目, 要存记在你心中。
Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu;
22 因为得着它的,就得了生命, 又得了医全体的良药。
inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.
23 你要保守你心,胜过保守一切, 因为一生的果效是由心发出。
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
24 你要除掉邪僻的口, 弃绝乖谬的嘴。
Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.
25 你的眼目要向前正看; 你的眼睛当向前直观。
Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.
26 要修平你脚下的路, 坚定你一切的道。
Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu.
27 不可偏向左右; 要使你的脚离开邪恶。
Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.

< 箴言 4 >