< 箴言 27 >

1 不要为明日自夸, 因为一日要生何事,你尚且不能知道。
Ati waaʼee boriitiin hin boonin; waan guyyaan fidu hin beektuutii.
2 要别人夸奖你,不可用口自夸; 等外人称赞你,不可用嘴自称。
Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin; namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
3 石头重,沙土沉, 愚妄人的恼怒比这两样更重。
Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha; tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
4 忿怒为残忍,怒气为狂澜, 惟有嫉妒,谁能敌得住呢?
Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa; hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
5 当面的责备强如背地的爱情。
Jaalala dhokfamee mannaa ifannaa ifatti baʼe wayya.
6 朋友加的伤痕出于忠诚; 仇敌连连亲嘴却是多余。
Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
7 人吃饱了,厌恶蜂房的蜜; 人饥饿了,一切苦物都觉甘甜。
Namni quufe damma illee ni balfa; kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
8 人离本处飘流, 好像雀鸟离窝游飞。
Namni mana isaatii badu tokko, akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
9 膏油与香料使人心喜悦; 朋友诚实的劝教也是如此甘美。
Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa.
10 你的朋友和父亲的朋友, 你都不可离弃。 你遭难的日子,不要上弟兄的家去; 相近的邻舍强如远方的弟兄。
Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
11 我儿,你要作智慧人,好叫我的心欢喜, 使我可以回答那讥诮我的人。
Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi; ergasii ani nama na tuffatu hundaaf deebii kennuu nan dandaʼa.
12 通达人见祸藏躲; 愚蒙人前往受害。
Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
13 谁为生人作保,就拿谁的衣服; 谁为外女作保,谁就承当。
Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
14 清晨起来,大声给朋友祝福的, 就算是咒诅他。
Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee ollaa isaa yoo eebbise wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
15 大雨之日连连滴漏, 和争吵的妇人一样;
Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa dhimmisaa ooluu ti;
16 想拦阻她的,便是拦阻风, 也是右手抓油。
ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
17 铁磨铁,磨出刃来; 朋友相感也是如此。
Akkuma sibiilli sibiila qaru, namni tokko nama kaan qara.
18 看守无花果树的,必吃树上的果子; 敬奉主人的,必得尊荣。
Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
19 水中照脸,彼此相符; 人与人,心也相对。
Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
20 阴间和灭亡永不满足; 人的眼目也是如此。 (Sheol h7585)
Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan; iji namaas akkasuma. (Sheol h7585)
21 鼎为炼银,炉为炼金, 人的称赞也试炼人。
Okkoteen waa itti baqsan meetiif; boolli ibiddaa immoo warqeef; namni immoo ulfina argatuun qorama.
22 你虽用杵将愚妄人与打碎的麦子一同捣在臼中, 他的愚妄还是离不了他。
Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu, akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu, ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
23 你要详细知道你羊群的景况, 留心料理你的牛群;
Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki; loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
24 因为资财不能永有, 冠冕岂能存到万代?
soorumni bara baraan itti hin fufuutii; gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
25 干草割去,嫩草发现, 山上的菜蔬也被收敛。
Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee margi tulluu irraa walitti qabamutti,
26 羊羔之毛是为你作衣服; 山羊是为作田地的价值,
xobbaallaawwaniin daara baata; reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
27 并有母山羊奶够你吃, 也够你的家眷吃, 且够养你的婢女。
Ati ofii keetii fi maatii kee, xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.

< 箴言 27 >