< 弥迦书 4 >

1 末后的日子, 耶和华殿的山必坚立, 超乎诸山,高举过于万岭; 万民都要流归这山。
Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni gaarran caalaa ol ol jedha; namoonnis itti yaaʼu.
2 必有许多国的民前往,说: 来吧,我们登耶和华的山, 奔雅各 神的殿。 主必将他的道教训我们; 我们也要行他的路。 因为训诲必出于锡安; 耶和华的言语必出于耶路撒冷。
Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.
3 他必在多国的民中施行审判, 为远方强盛的国断定是非。 他们要将刀打成犁头, 把枪打成镰刀。 这国不举刀攻击那国; 他们也不再学习战事。
Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.
4 人人都要坐在自己葡萄树下 和无花果树下,无人惊吓。 这是万军之耶和华亲口说的。
Namni hundi muka wayinii isaatii fi muka harbuu isaa jala taaʼa; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
5 万民各奉己神的名而行; 我们却永永远远奉耶和华—我们 神的名而行。
Saboonni hundinuu maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; nu immoo bara baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina.
6 耶和华说:到那日, 我必聚集瘸腿的, 招聚被赶出的和我所惩治的。
Waaqayyo akkana jedha; “Ani bara sana naafa walittin qaba; warra boojiʼamanii fi warra ani gaddisiises walittin qaba.
7 我必使瘸腿的为余剩之民, 使赶到远方的为强盛之民。 耶和华要在锡安山作王治理他们, 从今直到永远。
Ani warra naafa hambaa, warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabee hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.
8 你这羊群的高台、锡安城的山哪, 从前的权柄— 就是耶路撒冷民的国权— 必归与你。
Yaa gamoo eegumsa bushaayee, yaa daʼoo Intala Xiyoon, ol aantummaan durii siif ni deebifama; mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.”
9 现在你为何大声哭号呢? 疼痛抓住你仿佛产难的妇人, 是因你中间没有君王吗? 你的谋士灭亡了吗?
Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? Ati mootii hin qabduu? Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf gorsaan kee badeetii?
10 锡安的民哪, 你要疼痛劬劳,仿佛产难的妇人; 因为你必从城里出来, 住在田野,到巴比伦去。 在那里要蒙解救; 在那里耶和华必救赎你脱离仇敌的手。
Yaa Intala Xiyoon, akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; ati amma bakkee keessa qubachuuf magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. Ati Baabilon dhaqxa; achitti ni baraaramta. Waaqayyo achitti harka diina keetii keessaa si fura.
11 现在有许多国的民聚集攻击你,说: 愿锡安被玷污! 愿我们亲眼见她遭报!
Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. Isaanis, “Isheen haa xurooftu; iji keenya xiyyeeffatee Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu.
12 他们却不知道耶和华的意念, 也不明白他的筹划。 他聚集他们,好像把禾捆聚到禾场一样。
Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan; isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.
13 锡安的民哪,起来踹谷吧! 我必使你的角成为铁, 使你的蹄成为铜。 你必打碎多国的民, 将他们的财献与耶和华, 将他们的货献与普天下的主。
“Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.

< 弥迦书 4 >