< 路加福音 2 >

1 当那些日子,凯撒奥古斯都有旨意下来,叫天下人民都报名上册。
Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.
2 这是居里扭作叙利亚巡抚的时候,头一次行报名上册的事。
Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.
3 众人各归各城,报名上册。
Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
4 约瑟也从加利利的拿撒勒城上犹太去,到了大卫的城,名叫伯利恒,因他本是大卫一族一家的人,
Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.
5 要和他所聘之妻马利亚一同报名上册。那时马利亚的身孕已经重了。
Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.
6 他们在那里的时候,马利亚的产期到了,
Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.
7 就生了头胎的儿子,用布包起来,放在马槽里,因为客店里没有地方。
Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
8 在伯利恒之野地里有牧羊的人,夜间按着更次看守羊群。
Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.
9 有主的使者站在他们旁边,主的荣光四面照着他们;牧羊的人就甚惧怕。
Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.
10 那天使对他们说:“不要惧怕!我报给你们大喜的信息,是关乎万民的;
Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
11 因今天在大卫的城里,为你们生了救主,就是主基督。
Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
12 你们要看见一个婴孩,包着布,卧在马槽里,那就是记号了。”
Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
13 忽然,有一大队天兵同那天使赞美 神说:
Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
14 在至高之处荣耀归与 神! 在地上平安归与他所喜悦的人!
“Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.”
15 众天使离开他们,升天去了。牧羊的人彼此说:“我们往伯利恒去,看看所成的事,就是主所指示我们的。”
Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
16 他们急忙去了,就寻见马利亚和约瑟,又有那婴孩卧在马槽里;
Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.
17 既然看见,就把天使论这孩子的话传开了。
Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;
18 凡听见的,就诧异牧羊之人对他们所说的话。
warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
19 马利亚却把这一切的事存在心里,反复思想。
Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
20 牧羊的人回去了,因所听见所看见的一切事,正如天使向他们所说的,就归荣耀与 神,赞美他。
Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
21 满了八天,就给孩子行割礼,与他起名叫耶稣;这就是没有成胎以前,天使所起的名。
Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame.
22 按摩西律法满了洁净的日子,他们带着孩子上耶路撒冷去,要把他献与主,(
Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.
23 正如主的律法上所记:“凡头生的男子必称圣归主。”)
Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
24 又要照主的律法上所说,或用一对斑鸠,或用两只雏鸽献祭。
Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
25 在耶路撒冷有一个人,名叫西面;这人又公义又虔诚,素常盼望以色列的安慰者来到,又有圣灵在他身上。
Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.
26 他得了圣灵的启示,知道自己未死以前,必看见主所立的基督。
Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.
27 他受了圣灵的感动,进入圣殿,正遇见耶稣的父母抱着孩子进来,要照律法的规矩办理。
Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti,
28 西面就用手接过他来,称颂 神说:
Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
29 主啊!如今可以照你的话, 释放仆人安然去世;
“Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti, ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.
30 因为我的眼睛已经看见你的救恩—
Iji koo fayyina kee isa ati
31 就是你在万民面前所预备的:
saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
32 是照亮外邦人的光, 又是你民以色列的荣耀。
innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa; saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.”
33 孩子的父母因这论耶稣的话就希奇。
Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.
34 西面给他们祝福,又对孩子的母亲马利亚说:“这孩子被立,是要叫以色列中许多人跌倒,许多人兴起;又要作毁谤的话柄,叫许多人心里的意念显露出来;你自己的心也要被刀刺透。”
Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;
kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
36 又有女先知,名叫亚拿,是亚设支派法内力的女儿,年纪已经老迈,从作童女出嫁的时候,同丈夫住了七年就寡居了,
Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
37 现在已经八十四岁,并不离开圣殿,禁食祈求,昼夜事奉 神。
isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.
38 正当那时,她进前来称谢 神,将孩子的事对一切盼望耶路撒冷得救赎的人讲说。
Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
39 约瑟和马利亚照主的律法办完了一切的事,就回加利利,到自己的城拿撒勒去了。
Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.
40 孩子渐渐长大,强健起来,充满智慧,又有 神的恩在他身上。
Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
41 每年到逾越节,他父母就上耶路撒冷去。
Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.
42 当他十二岁的时候,他们按着节期的规矩上去。
Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.
43 守满了节期,他们回去,孩童耶稣仍旧在耶路撒冷。他的父母并不知道,
Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.
44 以为他在同行的人中间,走了一天的路程,就在亲族和熟识的人中找他,
Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.
45 既找不着,就回耶路撒冷去找他。
Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.
46 过了三天,就遇见他在殿里,坐在教师中间,一面听,一面问。
Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.
47 凡听见他的,都希奇他的聪明和他的应对。
Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.
48 他父母看见就很希奇。他母亲对他说:“我儿!为什么向我们这样行呢?看哪,你父亲和我伤心来找你!”
Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.
49 耶稣说:“为什么找我呢?岂不知我应当以我父的事为念吗?”
Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe.
50 他所说的这话,他们不明白。
Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
51 他就同他们下去,回到拿撒勒,并且顺从他们。他母亲把这一切的事都存在心里。
Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
52 耶稣的智慧和身量,并 神和人喜爱他的心,都一齐增长。
Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.

< 路加福音 2 >