< 以赛亚书 65 >

1 素来没有访问我的,现在求问我; 没有寻找我的,我叫他们遇见; 没有称为我名下的,我对他们说: 我在这里!我在这里!
“Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe; warri na hin barbaadinis na argatan. Ani saba maqaa koo hin waammatiniin, ‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe.
2 我整天伸手招呼那悖逆的百姓; 他们随自己的意念行不善之道。
Ani guyyaa guutuu gara uummata didaa taʼeetti, kan karaa gaarii hin taʼin irra deemu, kan yaada ofii isaa duukaa buʼuuf harka koo nan diriirfadhe;
3 这百姓时常当面惹我发怒; 在园中献祭, 在坛上烧香;
Isaan saba iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiʼeessuudhaan, iddoo aarsaa kan xuubii irrattis ixaana aarsuudhaan, utuu gargar hin kutin, utuma ani arguu dheekkamsaaf na kakaasanii dha;
4 在坟墓间坐着, 在隐密处住宿, 吃猪肉; 他们器皿中有可憎之物做的汤;
isaan warra awwaala gidduu tataaʼanii lafa dhoksaa bulanii dha; warra foon booyyee nyaatanii okkoteen isaanii bishaan foon xuraaʼaa baatuu dha;
5 且对人说:你站开吧! 不要挨近我,因为我比你圣洁。 主说:这些人是我鼻中的烟, 是整天烧着的火。
isaan warra, ‘Achi fagaadhu; natti hin dhiʼaatin; ani si caalaa qulqulluudhaatii!’ jedhanii dha. Sabni akkasii funyaan koo keessatti akkuma aaraa, akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti.
6 看哪,这都写在我面前。 我必不静默,必施行报应, 必将你们的罪孽和你们列祖的罪孽, 就是在山上烧香, 在冈上亵渎我的罪孽, 一同报应在他们后人怀中, 我先要把他们所行的量给他们; 这是耶和华说的。
“Kunoo, wanni kun akkana jedhamee fuula koo duratti barreeffameera: ani hin calʼisu; garuu gatii hojii isaanii guutuu nan kennaaf; dhugumaanis qomatti isaan nan baachisa.
7
Kunis cubbuu keessanii fi cubbuu abbootii keessanii ti” jedha Waaqayyo. “Isaan tulluuwwan irratti aarsaa dhiʼeessanii, gaarran irratti waan na arrabsaniif, ani hojii isaanii kan duriitiif, kaffaltii guutuu isaaniifin kenna.”
8 耶和华如此说:葡萄中寻得新酒, 人就说:不要毁坏, 因为福在其中。 我因我仆人的缘故也必照样而行, 不将他们全然毁灭。
Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma yeroo hurbuu wayinii keessa cuunfaan jirutti, namoonni, ‘Amma iyyuu eebbatu keessa jiraatii, hin balleessinaa’ jedhan sana, anis tajaajiltoota kootiif akkasuma nan godha; isaan hundas hin balleessu.
9 我必从雅各中领出后裔, 从犹大中领出承受我众山的。 我的选民必承受; 我的仆人要在那里居住。
Anis Yaaqoob keessaa sanyii tokko, Yihuudaa keessaa immoo warra tulluuwwan koo dhaalan nan biqilcha; sabni koo filatamaan tulluuwwan sana dhaala; tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu.
10 沙 平原必成为羊群的圈; 亚割谷必成为牛群躺卧之处, 都为寻求我的民所得。
Saba koo kan na barbaaduuf Shaaroon lafa bushaayeen itti bobbaʼan, Sululli Aakoor immoo lafa loon boqotan ni taʼan.
11 但你们这些离弃耶和华、 忘记我的圣山、给时运摆筵席、 给天命盛满调和酒的,
“Garuu isin warra Waaqayyoon dhiiftanii tulluu koo qulqulluu dagattan, kanneen waaqa ‘Milkii’ jedhamuuf maaddii qopheessitanii, waaqa, ‘Hiree’ jedhamuuf immoo dhibaayyuu kubbaayyaatti guuttan,
12 我要命定你们归在刀下, 都必屈身被杀; 因为我呼唤,你们没有答应; 我说话,你们没有听从; 反倒行我眼中看为恶的, 拣选我所不喜悦的。
ani irbaata goraadee isinan godha; isin hundis qalamuuf gad jettu; ani isin waameen ture; isin garuu na jalaa hin owwaanne; ani dubbadheen ture; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Isin fuuluma koo duratti waan hamaa hojjettanii waan na hin gammachiifne filattan.”
13 所以,主耶和华如此说: 我的仆人必得吃,你们却饥饿; 我的仆人必得喝,你们却干渴; 我的仆人必欢喜,你们却蒙羞。
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Garboonni koo ni nyaatu; isin garuu ni beeloftu; garboonni koo ni dhugu; isin garuu ni dheebottu; garboonni koo ni gammadu; isin garuu ni qaanoftu.
14 我的仆人因心中高兴欢呼, 你们却因心中忧愁哀哭, 又因心里忧伤哀号。
Garboonni koo gammachuu garaa irraa maddeen ni faarfatu; isin garuu, waan garaan keessan miidhameef ni boossu; waan hafuurri keessan gaddeef ni wawwaattu.
15 你们必留下自己的名, 为我选民指着赌咒。 主耶和华必杀你们, 另起别名称呼他的仆人。
Filatamtoonni koo maqaa isin dabarfattan sana abaarsaaf itti fayyadamu; Waaqayyo Gooftaan isin fixa; garboota isaatiif garuu maqaa biraa ni kenna.
16 这样,在地上为自己求福的, 必凭真实的 神求福; 在地上起誓的, 必指真实的 神起誓。 因为,从前的患难已经忘记, 也从我眼前隐藏了。
Namni lafa irratti eebbifamu kam iyyuu, Waaqa dhugaatiin eebbifama; namni lafa irratti kakatus, Waaqa dhugaatiin kakata. Rakkinni durii ni irraanfatama; ija koo duraas ni dhokataatii.
17 看哪!我造新天新地; 从前的事不再被记念,也不再追想。
“Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa nan uuma. Wanni durii hin yaadatamu; yookaan qalbii namaatti hin dhufu.
18 你们当因我所造的永远欢喜快乐; 因我造耶路撒冷为人所喜, 造其中的居民为人所乐。
Isin garuu waan ani uumutti, bara baraan gammadaa ililchaa; ani Yerusaalemin gammachuuf, saba ishee immoo ililleef nan uumaatii.
19 我必因耶路撒冷欢喜, 因我的百姓快乐; 其中必不再听见哭泣的声音和哀号的声音。
Ani Yerusaalemitti nan gammada; saba koottis nan gammada; siʼachi sagaleen booʼichaatii fi iyyaa ishee keessatti hin dhagaʼamu.
20 其中必没有数日夭亡的婴孩, 也没有寿数不满的老者; 因为百岁死的仍算孩童, 有百岁死的罪人算被咒诅。
“Siʼachi, daaʼimni guyyaa muraasa qofa jiraatu, yookaan jaarsi umuriin isaa hanqatu tokko iyyuu ishee keessatti hin argamu; namni waggaa dhibbatti duʼu, akka waan dargaggummaan duʼeetti yaadama; namni waggaa dhibba hanqate tokko, akka waan abaarameetti hedama.
21 他们要建造房屋,自己居住; 栽种葡萄园,吃其中的果子。
Namoonni mana ni ijaarratu; achi keessas ni jiraatu; wayinii dhaabbatu; ija isaas ni nyaatu.
22 他们建造的,别人不得住; 他们栽种的,别人不得吃; 因为我民的日子必像树木的日子; 我选民亲手劳碌得来的必长久享用。
Siʼachi isaan mana ijaaranii namoonni biraa keessa hin jiraatan; yookaan isaan biqiltuu dhaabanii namoonni biraa hin nyaatan. Umuriin saba koo, akkuma umurii mukaa ni taʼa; warri ani filadhe, hojii harka isaaniitiin bara dheeraa ni gammadu.
23 他们必不徒然劳碌, 所生产的,也不遭灾害, 因为都是蒙耶和华赐福的后裔; 他们的子孙也是如此。
Isaan akkasumaan hin dadhaban yookaan ijoollee balaan eeggattu hin dhalchan; isaan sanyii isaanii wajjin saba Waaqayyo eebbisu ni taʼu.
24 他们尚未求告,我就应允; 正说话的时候,我就垂听。
Ani utuu isaan na hin waammatin nan deebisaaf; utuu isaan dubbatanii hin fixinis nan dhagaʼa.
25 豺狼必与羊羔同食; 狮子必吃草与牛一样; 尘土必作蛇的食物。 在我圣山的遍处, 这一切都不伤人,不害物。 这是耶和华说的。
Yeeyyii fi xobbaallaan hoolaa walii wajjin nyaatu; leenci akka sangaa okaa nyaata; biyyoon garuu soora bofaa taʼa. Isaan tulluu koo qulqulluu hunda irratti homaa hin miidhan yookaan homaa hin balleessan” jedha Waaqayyo.

< 以赛亚书 65 >