< 以赛亚书 57 >

1 义人死亡, 无人放在心上; 虔诚人被收去, 无人思念。 这义人被收去是免了将来的祸患;
Namni qajeelaan ni duʼa; kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru; warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu; akka qajeeltonni waan hamaa jalaa baraaramuuf fudhataman namni tokko iyyuu hin hubatu.
2 他们得享平安。 素行正直的,各人在坟里安歇。
Namni qajeelummaadhaan jiraatu, gara nagaa seena; isaan siree isaanii irra boqotu.
3 你们这些巫婆的儿子, 奸夫和妓女的种子, 都要前来!
“Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii, isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa!
4 你们向谁戏笑? 向谁张口吐舌呢? 你们岂不是悖逆的儿女, 虚谎的种类呢?
Isin eenyutti qoostu? Eenyutti afaan banattu? Eenyuttis arraba baaftu? Isin ilmaan finciltootaa, sanyii sobdootaa mitii?
5 你们在橡树中间,在各青翠树下欲火攻心; 在山谷间,在石穴下杀了儿女;
Isin mukkeen qilxuu gidduutti, mukkeen dagaagan hunda jalatti hawwii hamaadhaan gubattan; sululoota keessatti, holqa kattaa keessattis ijoollee keessan qaltan.
6 在谷中光滑石头里有你的分。 这些就是你所得的分; 你也向他浇了奠祭,献了供物, 因这事我岂能容忍吗?
Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti; dhugumaan carraan kee isaanuma. Ati dhibaayyuu isaaniif dhangalaafte; aarsaa midhaanii isaaniif dhiʼeessiteerta. Ani wantoota kanneen calʼisee nan ilaalaa?
7 你在高而又高的山上安设床榻, 也上那里去献祭。
Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta; aarsaa kee dhiʼeeffachuufis achi ol baate.
8 你在门后,在门框后, 立起你的纪念; 向外人赤露,又上去扩张床榻, 与他们立约; 你在那里看见他们的床就甚喜爱。
Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan, yaadannoo kee fannifatteerta. Ana dhiiftee siree kee saaqqatte; yaabdees balʼiftee banattee keessa seente; ati warra siree isaanii jaallatte wajjin walii galte sana qullaa isaanii ilaalte.
9 你把油带到王那里, 又多加香料, 打发使者往远方去, 自卑自贱直到阴间, (Sheol h7585)
Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe; shittoo kee illee ni baayʼifatte. Ergamoota kee biyya fagootti ergite; siiʼoolittis gad ergite! (Sheol h7585)
10 你因路远疲倦, 却不说这是枉然; 你以为有复兴之力, 所以不觉疲惫。
Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte; ati garuu, ‘Wanni kun faayidaa hin qabu’ hin jenne. Jabina haaromfame argatte; kanaafuu ati hin dadhabne.
11 你怕谁?因谁恐惧? 竟说谎,不记念我, 又不将这事放在心上。 我不是许久闭口不言, 你仍不怕我吗?
“Ati akka na sobduuf akka na hin yaadanneef, yookaan akka waan kana garaatti hin qabanneef, eenyuun sodaattee akkas naate? Ati sababii ani yeroo dheeraa calʼiseef, na sodaachuu dhiifte mitii?
12 我要指明你的公义; 至于你所行的都必与你无益。
Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa; isaan garuu si hin fayyadan.
13 你哀求的时候, 让你所聚集的拯救你吧! 风要把他们刮散, 一口气要把他们都吹去。 但那投靠我的必得地土, 必承受我的圣山为业。
Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti, mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan! Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada; hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa. Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuu biyyattii ni dhaala; tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.”
14 耶和华要说: 你们修筑修筑,预备道路, 将绊脚石从我百姓的路中除掉。
Akkanas ni jedhama: “Tolchaa; tolchaa; daandii qopheessaa! Karaa saba kootii irraa gufuuwwan bubuqqisaa.”
15 因为那至高至上、永远长存 名为圣者的如此说: 我住在至高至圣的所在, 也与心灵痛悔谦卑的人同居; 要使谦卑人的灵苏醒, 也使痛悔人的心苏醒。
Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
16 我必不永远相争,也不长久发怒, 恐怕我所造的人与灵性都必发昏。
Ani bara baraan namatti hin falmu; yookaan yeroo hunda hin dheekkamu; yoo akkas taʼe hafuurri namaa, hafuurri namni ani uume baafatu ni citaatii.
17 因他贪婪的罪孽,我就发怒击打他; 我向他掩面发怒, 他却仍然随心背道。
Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame; isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe; inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe.
18 我看见他所行的道,也要医治他; 又要引导他, 使他和那一同伤心的人再得安慰。
Ani karaa isaa argeera; garuu isa nan fayyisa; ani isa nan qajeelcha; deebisees nan jajjabeessa;
19 我造就嘴唇的果子; 愿平安康泰归与远处的人, 也归与近处的人; 并且我要医治他。 这是耶和华说的。
arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis galata nan uuma. Warra fagoo jiraataniif nagaan, warra dhiʼoo jiraataniifis nagaan haa taʼu. Anis isaan nan fayyisa” jedha Waaqayyo.
20 惟独恶人,好像翻腾的海, 不得平静; 其中的水常涌出污秽和淤泥来。
Namoonni hamoon garuu akkuma galaana olii gadi daddarbatamu, kan boqochuu hin dandeenye, kan dambaliin isaa laaqii fi dhoqqee tufuu ti.
21 我的 神说:恶人必不得平安!
“Namoota hamoof nagaan hin jiru” jedha Waaqni koo.

< 以赛亚书 57 >