< 以赛亚书 27 >

1 到那日,耶和华必用他刚硬有力的大刀刑罚鳄鱼—就是那快行的蛇,刑罚鳄鱼—就是那曲行的蛇,并杀海中的大鱼。
Bara sana, Waaqayyo goraadee isaatiin, goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan, Lewaataan boficha mirmirfamu, Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba; inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.
2 当那日,有出酒的葡萄园, 你们要指这园唱歌说:
Bara sana akkana jedhama; “Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;
3 我—耶和华是看守葡萄园的; 我必时刻浇灌, 昼夜看守, 免得有人损害。
ani Waaqayyo isa nan eega; ani yeroo hunda bishaan nan obaasa; akka namni tokko iyyuu isa hin miineef ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.
4 我心中不存忿怒。 惟愿荆棘蒺藜与我交战, 我就勇往直前, 把它一同焚烧。
Ani hin aaru. Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii! Ani silaa isaanitti nan duula; walitti qabees isaan nan guba.
5 不然,让它持住我的能力, 使它与我和好, 愿它与我和好。
Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan; isaan na wajjin nagaa haa uuman; eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.”
6 将来雅各要扎根, 以色列要发芽开花; 他们的果实必充满世界。
Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa; Israaʼel latee daraara; ijaanis addunyaa hunda guuta.
7 主击打他们, 岂像击打那些击打他们的人吗? 他们被杀戮, 岂像被他们所杀戮的吗?
Waaqayyo akkuma warra ishee rukutan sana rukute, ishee illee rukuteeraa? Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman, isheenis ajjeefamteertii?
8 你打发他们去, 是相机宜与他们相争; 刮东风的日子, 就用暴风将他们逐去。
Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite; inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti, bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.
9 所以,雅各的罪孽得赦免, 他的罪过得除掉的果效,全在乎此: 就是他叫祭坛的石头变为打碎的灰石, 以致木偶和日像不再立起。
Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti, siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu dhaabatee hin hafu. Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf; kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.
10 因为坚固城变为凄凉, 成了撇下离弃的居所,像旷野一样; 牛犊必在那里吃草, 在那里躺卧,并吃尽其中的树枝。
Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti; akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati; jabboonni achi dheeddi; achis ni ciciifti; jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.
11 枝条枯干,必被折断; 妇女要来点火烧着。 因为这百姓蒙昧无知, 所以,创造他们的必不怜恤他们; 造成他们的也不施恩与他们。
Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba; dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu. Uummanni kun hubannaa hin qabuutii; kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf; Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.
12 以色列人哪,到那日,耶和华必从大河,直到埃及小河,将你们一一地收集,如同人打树拾果一样。
Bara sana Waaqayyo Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu.
13 当那日,必大发角声,在亚述地将要灭亡的,并在埃及地被赶散的,都要来,他们就在耶路撒冷圣山上敬拜耶和华。
Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti Waaqayyoon waaqeffatu.

< 以赛亚书 27 >