< 何西阿书 2 >

1 你们要称你们的弟兄为阿米,称你们的姊妹为路哈玛。
“Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.
2 你们要与你们的母亲大大争辩; 因为她不是我的妻子, 我也不是她的丈夫。 叫她除掉脸上的淫像 和胸间的淫态,
“Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; isheen niitii koo mitiitii; anis dhirsa ishee miti. Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
3 免得我剥她的衣服, 使她赤体,与才生的时候一样, 使她如旷野,如干旱之地, 因渴而死。
Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; akkuma gammoojjii ishee nan godha; lafa goggogaatti ishee nan geeddara; dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.
4 我必不怜悯她的儿女, 因为他们是从淫乱而生的。
Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.
5 他们的母亲行了淫乱, 怀他们的母做了可羞耻的事, 因为她说:我要随从所爱的; 我的饼、水、羊毛、麻、油、酒 都是他们给的。
Haati isaanii amanamummaa dhabdee karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, warra nyaata koo fi bishaan koo, warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jette.
6 因此,我必用荆棘堵塞她的道, 筑墙挡住她, 使她找不着路。
Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.
7 她必追随所爱的,却追不上; 她必寻找他们,却寻不见, 便说:我要归回前夫, 因我那时的光景比如今还好。
Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; isaan barbaaddi; garuu hin argitu. Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa gara dhirsa kootti nan deebiʼa; amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.
8 她不知道是我给她五谷、新酒,和油, 又加增她的金银; 她却以此供奉巴力。
Isheen akka ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.
9 因此到了收割的日子, 出酒的时候, 我必将我的五谷、新酒收回, 也必将她应当遮体的羊毛和麻夺回来。
“Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha. Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.
10 如今我必在她所爱的眼前显露她的丑态; 必无人能救她脱离我的手。
Ani amma ijuma michoota ishee duratti addaggummaa ishee nan saaxila; namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.
11 我也必使她的宴乐、节期、月朔、安息日, 并她的一切大会都止息了。
Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, ayyaana ishee kan Sanbataatii fi ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.
12 我也必毁坏她的葡萄树和无花果树, 就是她说“这是我所爱的给我为赏赐”的。 我必使这些树变为荒林, 为田野的走兽所吃。
Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. Ani daggala isaan nan godha; bineensi bosonaa isaan dheeda.
13 我必追讨她素日给诸巴力烧香的罪; 那时她佩带耳环和别样妆饰, 随从她所爱的,却忘记我。 这是耶和华说的。
Ani guyyoota isheen itti Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” jedha Waaqayyo.
14 后来我必劝导她,领她到旷野, 对她说安慰的话。
“Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; gara lafa gammoojjiitti ishee geessee jaalalaan itti nan dubbadha.
15 她从那里出来,我必赐她葡萄园, 又赐她亚割谷作为指望的门。 她必在那里应声, 与幼年的日子一样, 与从埃及地上来的时候相同。
Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.
16 耶和华说:“那日你必称呼我伊施,不再称呼我巴力;
“Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo; “‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.
17 因为我必从我民的口中除掉诸巴力的名号,这名号不再提起。
Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.
18 当那日,我必为我的民,与田野的走兽和空中的飞鸟,并地上的昆虫立约;又必在国中折断弓刀,止息争战,使他们安然躺卧。
Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin isaaniif kakuu nan gala. Ani akka isin nagaadhaan bultaniif xiyya, goraadee fi waraana lafa irraa nan balleessa.
19 我必聘你永远归我为妻,以仁义、公平、慈爱、怜悯聘你归我;
Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.
20 也以诚实聘你归我,你就必认识我—耶和华。
Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis Waaqayyoon ni beekta.”
21 耶和华说:那日我必应允, 我必应允天,天必应允地;
Waaqayyo akkana jedha; “Ani gaafas deebii siif nan kenna; ani samiif deebii nan kenna; samiinis lafaaf deebii ni kenna;
22 地必应允五谷、新酒,和油, 这些必应允耶斯列民。
laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi zayitiif deebii kenniti; isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.
23 我必将她种在这地。 素不蒙怜悯的,我必怜悯; 本非我民的,我必对他说: 你是我的民; 他必说:你是我的 神。”
Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”

< 何西阿书 2 >