< 创世记 50 >

1 约瑟伏在他父亲的面上哀哭,与他亲嘴。
Yoosefis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates.
2 约瑟吩咐伺候他的医生用香料薰他父亲,医生就用香料薰了以色列。
Ergasii immoo Yoosef tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman;
3 薰尸的常例是四十天;那四十天满了,埃及人为他哀哭了七十天。
waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan.
4 为他哀哭的日子过了,约瑟对法老家中的人说:“我若在你们眼前蒙恩,请你们报告法老说:
Guyyoonni gaddaa darbinaan Yoosef warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; “Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa:
5 ‘我父亲要死的时候叫我起誓说:你要将我葬在迦南地,在我为自己所掘的坟墓里。’现在求你让我上去葬我父亲,以后我必回来。”
‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; awwaala ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na awwaalaa.” Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan awwaalladha; ergasii immoo nan deebiʼa.’”
6 法老说:“你可以上去,照着你父亲叫你起的誓,将他葬埋。”
Faraʼoonis, “Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee awwaalladhu” jedheen.
7 于是约瑟上去葬他父亲。与他一同上去的,有法老的臣仆和法老家中的长老,并埃及国的长老,
Yoosefis abbaa isaa awwaallachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman.
8 还有约瑟的全家和他的弟兄们,并他父亲的眷属;只有他们的妇人孩子,和羊群牛群,都留在歌珊地。
Akkasumas warri mana Yoosef jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe.
9 又有车辆马兵,和他一同上去;那一帮人甚多。
Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture.
10 他们到了约旦河外、亚达的禾场,就在那里大大地号咷痛哭。约瑟为他父亲哀哭了七天。
Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yoosefis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe.
11 迦南的居民见亚达禾场上的哀哭,就说:“这是埃及人一场极大的哀哭。”因此那地方名叫亚伯·麦西,是在约旦河东。
Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, “Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha” jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama.
12 雅各的儿子们就遵着他父亲所吩咐的办了,
Ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan ajaje sana godhan;
13 把他搬到迦南地,葬在幔利前、麦比拉田间的洞里;那洞和田是亚伯拉罕向赫人以弗 买来为业,作坟地的。
isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti awwaalan.
14 约瑟葬了他父亲以后,就和众弟兄,并一切同他上去葬他父亲的人,都回埃及去了。
Yoosef erga abbaa isaa awwaallatee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa awwaaluu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe.
15 约瑟的哥哥们见父亲死了,就说:“或者约瑟怀恨我们,照着我们从前待他一切的恶足足地报复我们。”
Obboloonni Yoosef erga abbaan isaanii duʼee booddee, “Yoo Yoosef hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?” jedhan.
16 他们就打发人去见约瑟,说:“你父亲未死以先吩咐说:
Isaanis akkana jedhanii Yoosefitti dhaammatan; “Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje;
17 ‘你们要对约瑟这样说:从前你哥哥们恶待你,求你饶恕他们的过犯和罪恶。’如今求你饶恕你父亲 神之仆人的过犯。”他们对约瑟说这话,约瑟就哭了。
‘Isin akkana jedhaa Yoosefitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii dhiisi.” Yoosefis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe.
18 他的哥哥们又来俯伏在他面前,说:“我们是你的仆人。”
Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, “Kunoo nu garboota kee ti” jedhan.
19 约瑟对他们说:“不要害怕,我岂能代替 神呢?
Yoosef garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Waaqaa buʼaa?
20 从前你们的意思是要害我,但 神的意思原是好的,要保全许多人的性命,成就今日的光景。
Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade.
21 现在你们不要害怕,我必养活你们和你们的妇人孩子。”于是约瑟用亲爱的话安慰他们。
Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii.” Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse.
22 约瑟和他父亲的眷属都住在埃及。约瑟活了一百一十岁。
Yoosef maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate.
23 约瑟得见以法莲第三代的子孙。玛拿西的孙子、玛吉的儿子也养在约瑟的膝上。
Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yoosef irratti dhalatan.
24 约瑟对他弟兄们说:“我要死了,但 神必定看顾你们,领你们从这地上去,到他起誓所应许给亚伯拉罕、以撒、雅各之地。”
Yoosefis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Ani duʼuu gaʼeera. Waaqni garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa.”
25 约瑟叫以色列的子孙起誓说:“神必定看顾你们;你们要把我的骸骨从这里搬上去。”
Yoosefis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; “Waaqni dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu.”
26 约瑟死了,正一百一十岁。人用香料将他薰了,把他收殓在棺材里,停在埃及。
Yoosefis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.

< 创世记 50 >