< 创世记 11 >

1 那时,天下人的口音、言语都是一样。
Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture.
2 他们往东边迁移的时候,在示拿地遇见一片平原,就住在那里。
Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan.
3 他们彼此商量说:“来吧!我们要做砖,把砖烧透了。”他们就拿砖当石头,又拿石漆当灰泥。
Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman.
4 他们说:“来吧!我们要建造一座城和一座塔,塔顶通天,为要传扬我们的名,免得我们分散在全地上。”
Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan.
5 耶和华降临,要看看世人所建造的城和塔。
Waaqayyo garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe.
6 耶和华说:“看哪,他们成为一样的人民,都是一样的言语,如今既做起这事来,以后他们所要做的事就没有不成就的了。
Waaqayyos akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu.
7 我们下去,在那里变乱他们的口音,使他们的言语彼此不通。”
Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!”
8 于是耶和华使他们从那里分散在全地上;他们就停工,不造那城了。
Kanaafuu Waaqayyo achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan.
9 因为耶和华在那里变乱天下人的言语,使众人分散在全地上,所以那城名叫巴别。
Waan Waaqayyo achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Waaqayyo iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
10 闪的后代记在下面。洪水以后二年,闪一百岁生了亚法撒。
Seenaan maatii Seem kana. Bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti Seem yeroo umuriin isaa waggaa 100 guutetti Arfaakshadin dhalche.
11 闪生亚法撒之后又活了五百年,并且生儿养女。
Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
12 亚法撒活到三十五岁,生了沙拉。
Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche.
13 亚法撒生沙拉之后又活了四百零三年,并且生儿养女。
Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
14 沙拉活到三十岁,生了希伯。
Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche.
15 沙拉生希伯之后又活了四百零三年,并且生儿养女。
Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
16 希伯活到三十四岁,生了法勒。
Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche.
17 希伯生法勒之后又活了四百三十年,并且生儿养女。
Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
18 法勒活到三十岁,生了拉吴。
Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche.
19 法勒生拉吴之后又活了二百零九年,并且生儿养女。
Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche.
20 拉吴活到三十二岁,生了西鹿。
Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche.
21 拉吴生西鹿之后又活了二百零七年,并且生儿养女。
Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
22 西鹿活到三十岁,生了拿鹤。
Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche.
23 西鹿生拿鹤之后又活了二百年,并且生儿养女。
Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
24 拿鹤活到二十九岁,生了他拉。
Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche.
25 拿鹤生他拉之后又活了一百一十九年,并且生儿养女。
Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
26 他拉活到七十岁,生了亚伯兰、拿鹤、哈兰。
Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche.
27 他拉的后代记在下面。他拉生亚伯兰、拿鹤、哈兰;哈兰生罗得。
Seenaan maatii Taaraa kana. Taaraan Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. Haaraan immoo Looxin dhalche.
28 哈兰死在他的本地迦勒底的吾珥,在他父亲他拉之先。
Haaraan utuma abbaan isaa Taaraan jiruu Uuri biyya Kaldootaa keessatti lafuma itti dhalatetti duʼe.
29 亚伯兰、拿鹤各娶了妻:亚伯兰的妻子名叫撒莱;拿鹤的妻子名叫密迦,是哈兰的女儿;哈兰是密迦和亦迦的父亲。
Abraamii fi Naahoor niitii fuudhan. Maqaan niitii Abraam Saaraa, maqaan niitii Naahoor immoo Miilkaa ture. Miilkaan intala Haaraan. Haaraan kun immoo abbaa Miikaatii fi Yiskaa ture.
30 撒莱不生育,没有孩子。
Saaraan dhabduu turte; ijoollees hin deenye.
31 他拉带着他儿子亚伯兰和他孙子哈兰的儿子罗得,并他儿妇亚伯兰的妻子撒莱,出了迦勒底的吾珥,要往迦南地去;他们走到哈兰,就住在那里。
Taaraan ilma isaa Abraamin, ilma ilma isaa jechuunis Loox ilma Haaraanii fi niitii ilma isaa jechuunis Saaraa niitii Abraam fudhatee Kanaʼaan dhaquuf, Uuri biyya Kaldootaatii walii wajjin baʼan; garuu yeroo Kaaraan gaʼanitti achuma qubatan.
32 他拉共活了二百零五岁,就死在哈兰。
Taaraan waggaa 205 jiraatee Kaaraanitti duʼe.

< 创世记 11 >