< 撒母耳记下 18 >

1 大卫数点跟随他的人,立千夫长、百夫长率领他们。
Daawit namoota isa wajjin turan lakkaaʼee ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa muudeef.
2 大卫打发军兵出战,分为三队:一队在约押手下,一队在洗鲁雅的儿子、约押兄弟亚比筛手下,一队在迦特人以太手下。大卫对军兵说:“我必与你们一同出战。”
Daawitis harka sadii keessaa harka tokko ajaja Yooʼaab jalatti, harka tokko ajaja Abiishaayi obboleessa Yooʼaab ilma Zeruuyaa jalatti, harka tokko immoo ajaja Itaayii namicha Gitii jalatti hiriirsee bobbaase. Mootichis loltootaan, “Ani mataan koo dhugumaan isin wajjin nan baʼa” jedhe.
3 军兵却说:“你不可出战。若是我们逃跑,敌人必不介意;我们阵亡一半,敌人也不介意。因为你一人强似我们万人,你不如在城里预备帮助我们。”
Namoonni garuu akkana jedhaniin; “Ati deemuu hin qabdu; yoo nu baqachuuf dirqamne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; yoo walakkaan keenyas dhumne isaaniif homaa miti; ati garuu nama akka keenyaa kuma kudhan caalta. Kanaafuu ati yoo magaalaa keessa turtee nu gargaarte wayya.”
4 王向他们说:“你们以为怎样好,我就怎样行。”于是王站在城门旁,军兵或百或千地挨次出去了。
Mootichis, “Ani waan gaarii isinitti fakkaate kam iyyuu nan godha” jedhee deebise. Kanaafuu mootichi yeroo loltoonni hundi garee dhibbaatii fi garee kumaatiin qajeelanitti karra bira dhaabachaa ture.
5 王嘱咐约押、亚比筛、以太说:“你们要为我的缘故宽待那少年人押沙龙。”王为押沙龙嘱咐众将的话,兵都听见了。
Mootichis Yooʼaab, Abiishaayii fi Itaayiin, “Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessichaaf garaa laafaa” jedhee ajaje. Loltoonni hundinuus ajaja Daawit waaʼee Abesaaloom ajajjootaaf kenne dhagaʼan.
6 兵就出到田野迎着以色列人,在以法莲树林里交战。
Loltoonnis Israaʼelin waraanuuf dirree waraanaatti baʼan; lollis bosona Efreem keessatti kaʼe.
7 以色列人败在大卫的仆人面前;那日阵亡的甚多,共有二万人。
Achittis loltoonni Israaʼel loltoota Daawitiin dhaʼaman; hubaatiin gaafasiis akka malee guddaa ture; namoota kuma digdamatu dhume.
8 因为在那里四面打仗,死于树林的比死于刀剑的更多。
Lolli sunis guutummaa baadiyyaatti babalʼate; namoota goraadeen fixe caalaa kan bosonni liqimsee hambisetu baayʼata.
9 押沙龙偶然遇见大卫的仆人。押沙龙骑着骡子,从大橡树密枝底下经过,他的头发被树枝绕住,就悬挂起来,所骑的骡子便离他去了。
Abesaaloom yeroo kanatti akka tasaa namoota Daawititti dhufe. Innis gaangoo isaa yaabbatee deemaa ture; utuma gaangoon isaa dameelee gobbuu qilxuu guddaa tokkoo jala darbaa jirtuu mataan Abesaaloom muka keessatti qabame. Innis qilleensa irratti rarraʼee hafe; gaangoon inni yaabbatee ture sun garuu deemsa ishee ittuma fufte.
10 有个人看见,就告诉约押说:“我看见押沙龙挂在橡树上了。”
Namichi tokko yommuu waan kana argetti, “Ani akka Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee jiru ammuma argeera” jedhee Yooʼaabitti hime.
11 约押对报信的人说:“你既看见他,为什么不将他打死落在地上呢?你若打死他,我就赏你十舍客勒银子,一条带子。”
Yooʼaabis namicha waan kana isatti himeen, “Maal jetta! Ati isa argiteertaa? Maaliif achumatti rukuttee lafaan isa dhaʼuu dhiifte? Silaa ani meetii saqilii kudhanii fi sabbata jagnummaa sin badhaasa turee” jedhe.
12 那人对约押说:“我就是得你一千舍客勒银子,我也不敢伸手害王的儿子;因为我们听见王嘱咐你和亚比筛并以太说:‘你们要谨慎,不可害那少年人押沙龙。’
Namichi sun garuu, akkana jedhee deebise; “Utuu saqiliin kuma tokko harka kootti naaf safaramee iyyuu ani ilma mootiitti harka koo ol hin fudhadhu. Mootichi utuu nu dhageenyuu siʼi, Abiishaayii fi Itaayiin, ‘Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessicha eegaa’ jedhee ajajeera.
13 我若妄为害了他的性命,就是你自己也必与我为敌(原来,无论何事都瞒不过王。)”
Karaa biraa immoo utuu ani kutadhee lubbuu isaa balleessee, sababii wanti mooticha duraa dhokatu tokko iyyuu hin jirreef ati mataan kee iyyuu natti hin dhiʼaattu ture.”
14 约押说:“我不能与你留连。”约押手拿三杆短枪,趁押沙龙在橡树上还活着,就刺透他的心。
Yooʼaabis, “Kana booddee ani haala kanaan si wajjin yeroo balleessuu hin qabu” jedhe. Kanaafuu ankaasee sadii harkatti qabatee utuma Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee lubbuun jiruu garaa isaatti dire.
15 给约押拿兵器的十个少年人围绕押沙龙,将他杀死。
Warri Yooʼaabiif miʼa lolaa baatan kurnanis itti naannaʼanii Abesaaloomin dhaʼanii ajjeesan.
16 约押吹角,拦阻众人,他们就回来,不再追赶以色列人。
Kana irratti Yooʼaab malakata afuufe; loltoonnis sababii inni isaan dhowweef Israaʼelin ariʼuu ni dhiisan.
17 他们将押沙龙丢在林中一个大坑里,上头堆起一大堆石头。以色列众人都逃跑,各回各家去了。
Isaanis reeffa Abesaaloom fuudhanii bosona keessatti boolla guddaa tokkotti darbatanii dhagaa gurguddaa isa irra tuulan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatan.
18 押沙龙活着的时候,在王谷立了一根石柱,因他说:“我没有儿子为我留名。”他就以自己的名称那石柱叫押沙龙柱,直到今日。
Abesaaloom yeroo lubbuun turetti, “Ani ilma maqaa koo waamsisu hin qabu” jedhee iddoo Sulula Mootii jedhamutti yaadannoo ofiitiif soodduu dhaabbate. Soodduu sanas maqaa ofii isaatiin moggaase. Hamma harʼaatti illee soodduun sun Soodduu Abesaaloom jedhamee waamama.
19 撒督的儿子亚希玛斯说:“容我跑去,将耶和华向仇敌给王报仇的信息报与王知。”
Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq, “Ani dhaqee akka Waaqayyo harka diinota isaa jalaa isa baase mootichatti nan hima” jedhe.
20 约押对他说:“你今日不可去报信,改日可以报信;因为今日王的儿子死了,所以你不可去报信。”
Yooʼaab immoo, “Namni harʼa dhaqee himu siʼii miti; sababii ilmi mootichaa duʼeef ati yeroo biraa dhaqxee itti himta; garuu harʼa waan kana gochuu hin qabdu” jedheen.
21 约押对古示人说:“你去将你所看见的告诉王。”古示人在约押面前下拜,就跑去了。
Ergasiis Yooʼaab Kuushiidhaan, “Dhaqiitii waan argite mootichatti himi” jedhe. Kuushiinis fuula Yooʼaab duratti gad jedhee harka fuudhee fiigaa qajeele.
22 撒督的儿子亚希玛斯又对约押说:“无论怎样,求你容我随着古示人跑去。”约押说:“我儿,你报这信息,既不得赏赐,何必要跑去呢?”
Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq ammas Yooʼaabiin, “Wanni fedhe haa dhufu; maaloo anis Kuushii faana nan fiiga” jedhe. Yooʼaab garuu, “Yaa ilma ko, ati maaliif dhaquu barbaadda? Ati oduu badhaasa siif kennisiisu tokko iyyuu hin qabdu” jedheen.
23 他又说:“无论怎样,我要跑去。”约押说:“你跑去吧!”亚希玛斯就从平原往前跑,跑过古示人去了。
Inni immoo, “Wanni fedhe haa dhufu; ani fiiguu nan barbaada” jedhe. Kanaafuu Yooʼaab, “Fiigi!” jedheen. Ergasii Ahiimaʼaz karaa dirreetiin fiigee Kuushii bira darbe.
24 大卫正坐在城瓮里。守望的人上城门楼的顶上,举目观看,见有一个人独自跑来。
Adoo Daawit karra alaatii fi kan keessaa gidduu taaʼee jiruu eegduun karaa dhaaba gubbaa manaatiin karaatti ol baʼe. Innis achi ilaalee nama kophaa isaa fiigu tokko arge.
25 守望的人就大声告诉王。王说:“他若独自来,必是报口信的。”那人跑得渐渐近了。
Eegduun sunis mooticha waamee waan kana itti hime. Mootichis, “Inni yoo kophaa isaa taʼe, oduu gaarii fiduu qaba” jedhe. Namichi sunis dhiʼaachaa dhufe.
26 守望的人又见一人跑来,就对守城门的人说:“又有一人独自跑来。”王说:“这也必是报信的。”
Ergasiis eegduun sun utuu namni biraa fiiguu argee eegduu karraa waamee, “Kunoo namni biraa tokko kophaa isaa fiigaa jira!” jedheen. Mootichis, “Innis oduu gaarii fiduu qaba” jedhe.
27 守望的人说:“我看前头人的跑法,好像撒督的儿子亚希玛斯的跑法一样。”王说:“他是个好人,必是报好信息。”
Eegduun sunis, “Inni jalqabaa waan akka Ahiimaʼaz ilma Zaadoqitti fiigu natti fakkaata” jedhe. Mootichi immoo, “Inni nama gaarii dha; oduu gaarii fidee dhufa” jedhe.
28 亚希玛斯向王呼叫说:“平安了!”就在王面前脸伏于地叩拜,说:“耶和华—你的 神是应当称颂的,因他已将那举手攻击我主我王的人交给王了。”
Ahiimaʼaz mooticha waamee, “Wanni hundinuu gaarii dha” jedhe; fuula mootichaa durattis addaan lafatti gombifamee, “Waaqayyo Waaqni kee galata haa argatu; inni warra gooftaa koo mootichatti harka isaanii ol fudhatan dabarsee kenneeraatii” jedhe.
29 王问说:“少年人押沙龙平安不平安?”亚希玛斯回答说:“约押打发王的仆人,那时仆人听见众民大声喧哗,却不知道是什么事。”
Mootichi immoo, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate. Ahiimaʼazis, “Yeroo Yooʼaab garbicha mootichaatii fi ana garbicha kee erguuf kaʼetti raafama guddaatu ture. Garuu wanni sun maal akka taʼe ani hin beeku” jedhee deebise.
30 王说:“你退去,站在旁边。”他就退去,站在旁边。
Mootichis, “As hiiqii dhaabadhu” jedhe. Kanaafuu inni achi hiiqee dhaabate.
31 古示人也来到,说:“有信息报给我主我王!耶和华今日向一切兴起攻击你的人给你报仇了。”
Ergasiis Kuushiin dhufee, “Gooftaa koo yaa mootii, oduu gammachiisaa dhagaʼi! Waaqayyo harʼa warra sitti kaʼan hunda jalaa si baaseera” jedhe.
32 王问古示人说:“少年人押沙龙平安不平安?”古示人回答说:“愿我主我王的仇敌,和一切兴起要杀害你的人,都与那少年人一样。”
Mootichis Kuushiidhaan, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate. Kuushiinis, “Diinonni gooftaa koo mootichaatii fi warri si miidhuuf sitti kaʼan hundi akkuma dargaggeessa sanaa haa taʼan” jedhee deebise.
33 王就心里伤恸,上城门楼去哀哭,一面走一面说:“我儿押沙龙啊!我儿,我儿押沙龙啊!我恨不得替你死,押沙龙啊,我儿!我儿!”
Mootichi ni hollate. Kutaa manaa kan karra duraa gubbaattis ol baʼee booʼe. Yommuu ol baʼuttis, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Ilma ko, ilma koo Abesaaloom! Utuu qooda kee ani duʼee jiraadhee; yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma ko!” jedhe.

< 撒母耳记下 18 >