< 历代志下 30 >

1 希西家差遣人去见以色列和犹大众人,又写信给以法莲和玛拿西人,叫他们到耶路撒冷耶和华的殿,向耶和华—以色列的 神守逾越节;
Hisqiyaas akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse.
2 因为王和众首领,并耶路撒冷全会众已经商议,要在二月内守逾越节。
Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan.
3 正月间他们不能守;因为自洁的祭司尚不敷用,百姓也没有聚集在耶路撒冷;
Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye.
4 王与全会众都以这事为善。
Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise.
5 于是定了命令,传遍以色列,从别是巴直到但,使他们都来,在耶路撒冷向耶和华—以色列的 神守逾越节;因为照所写的例,守这节的不多了。
Isaanis akka namoonni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.
6 驿卒就把王和众首领的信,遵着王命传遍以色列和犹大。信内说:“以色列人哪,你们当转向耶和华—亚伯拉罕、以撒、以色列的 神,好叫他转向你们这脱离亚述王手的余民。
Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha: “Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Waaqayyo Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa.
7 你们不要效法你们列祖和你们的弟兄;他们干犯耶和华—他们列祖的 神,以致耶和华丢弃他们,使他们败亡,正如你们所见的。
Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa.
8 现在不要像你们列祖硬着颈项,只要归顺耶和华,进入他的圣所,就是永远成圣的居所;又要事奉耶和华—你们的 神,好使他的烈怒转离你们。
Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Waaqayyootti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa keessan tajaajilaa.
9 你们若转向耶和华,你们的弟兄和儿女必在掳掠他们的人面前蒙怜恤,得以归回这地,因为耶和华—你们的 神有恩典、施怜悯。你们若转向他,他必不转脸不顾你们。”
Sababii Waaqayyo Waaqni keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Waaqayyootti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu.”
10 驿卒就由这城跑到那城,传遍了以法莲、玛拿西,直到西布伦。那里的人却戏笑他们,讥诮他们。
Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis.
11 然而亚设、玛拿西、西布伦中也有人自卑,来到耶路撒冷。
Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan.
12 神也感动犹大人,使他们一心遵行王与众首领凭耶和华之言所发的命令。
Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Waaqayyootti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Waaqaa yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.
13 二月,有许多人在耶路撒冷聚集,成为大会,要守除酵节。
Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame.
14 他们起来,把耶路撒冷的祭坛和烧香的坛尽都除去,抛在汲沦溪中。
Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.
15 二月十四日,宰了逾越节的羊羔。祭司与利未人觉得惭愧,就洁净自己,把燔祭奉到耶和华殿中,
Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Waaqayyoo fidan.
16 遵着神人摩西的律法,照例站在自己的地方;祭司从利未人手里接过血来,洒在坛上。
Ergasiis akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan.
17 会中有许多人尚未自洁,所以利未人为一切不洁之人宰逾越节的羊羔,使他们在耶和华面前成为圣洁。
Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Waaqayyoof qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan.
18 以法莲、玛拿西、以萨迦、西布伦有许多人尚未自洁,他们却也吃逾越节的羊羔,不合所记录的定例。希西家为他们祷告说:“凡专心寻求 神,就是耶和华—他列祖之 神的,虽不照着圣所洁净之礼自洁,求至善的耶和华也饶恕他。”
Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Waaqa kadhateef; “Yaa Waaqayyoo tolaa,
nama garaa isaatiin siʼi Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif.”
20 耶和华垂听希西家的祷告,就饶恕百姓。
Waaqayyos kadhannaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.
21 在耶路撒冷的以色列人大大喜乐,守除酵节七日。利未人和祭司用响亮的乐器,日日颂赞耶和华。
Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Waaqayyootiin guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachaa turan.
22 希西家慰劳一切善于事奉耶和华的利未人。于是众人吃节筵七日,又献平安祭,且向耶和华—他们列祖的 神认罪。
Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Waaqayyoo irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif galata galchan.
23 全会众商议,要再守节七日;于是欢欢喜喜地又守节七日。
Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan.
24 犹大王希西家赐给会众公牛一千只,羊七千只为祭物;众首领也赐给会众公牛一千只,羊一万只,并有许多的祭司洁净自己。
Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan.
25 犹大全会众、祭司、利未人,并那从以色列地来的会众和寄居的人,以及犹大寄居的人,尽都喜乐。
Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan.
26 这样,在耶路撒冷大有喜乐,自从以色列王大卫儿子所罗门的时候,在耶路撒冷没有这样的喜乐。
Bara Solomoon ilma Daawit mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe.
27 那时,祭司、利未人起来,为民祝福。他们的声音蒙 神垂听,他们的祷告达到天上的圣所。
Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Waaqnis isaan dhagaʼe; kadhannaan isaanii gara samii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.

< 历代志下 30 >