< 撒母耳记上 6 >

1 耶和华的约柜在非利士人之地七个月。
Taabonni Waaqayyoos Filisxeem keessa jiʼa torba ture.
2 非利士人将祭司和占卜的聚了来,问他们说:“我们向耶和华的约柜应当怎样行?请指示我们用何法将约柜送回原处。”
Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, “Taabota Waaqayyoo maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa” jedhaniin.
3 他们说:“若要将以色列 神的约柜送回去,不可空空地送去,必要给他献赔罪的礼物,然后你们可得痊愈,并知道他的手为何不离开你们。”
Isaanis deebisanii, “Yoo taabota Waaqa Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu” jedhaniin.
4 非利士人说:“应当用什么献为赔罪的礼物呢?”他们回答说:“当照非利士首领的数目,用五个金痔疮,五个金老鼠,因为在你们众人和你们首领的身上都是一样的灾。
Filisxeemonnis, “Kennaan yakkaa kan nu erginuuf maal taʼuu qaba?” jedhanii gaafatan. Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Sababii dhaʼichi isinii fi bulchitoota keessan rukute tokkuma taʼeef akkuma baayʼina bulchitoota Filisxeemotaatti dhiitoo warqee shananii fi hantuuta warqee shan ergaa.
5 所以当制造你们痔疮的像和毁坏你们田地老鼠的像,并要归荣耀给以色列的 神,或者他向你们和你们的神,并你们的田地,把手放轻些。
Fakkii dhiitoo fi fakkii hantuutaa kanneen biyya balleessaa jiranii hojjedhaa; Waaqa Israaʼeliif immoo ulfina kennaa. Yoos inni harka isaa isin irraa, waaqota keessanii fi biyya keessan irraa ni kaasa taʼa.
6 你们为何硬着心像埃及人和法老一样呢? 神在埃及人中间行奇事,埃及人岂不释放以色列人,他们就去了吗?
Isin maaliif akka namoota Gibxiitii fi akka Faraʼoon mataa jabeeyyii taatu? Yeroo Waaqayyo adaba cimaadhaan isaan adabetti, isaan akka Israaʼeloonni gara barbaadan deemaniif hin eeyyamneefii?
7 现在你们应当造一辆新车,将两只未曾负轭有乳的母牛套在车上,使牛犊回家去,离开母牛。
“Kanaafuu gaarii haaraa fi saawwan hoosisan kan waanjoon takkumaa irra hin kaaʼamin lama qopheessaa. Saawwan sanas gaarii sanatti camadaa; jabboota isaanii garuu gara manaatti biraa deebisaatii itti cufaa.
8 把耶和华的约柜放在车上,将所献赔罪的金物装在匣子里,放在柜旁,将柜送去。
Taabota Waaqayyoo sanas fuudhaatii gaarii irra kaaʼaa; miʼa warqee aarsaa yakkaatiif ergitan sanas sanduuqa taabota Waaqayyoo bira jiru keessa kaaʼaa. Akka inni karaa barbaade deemuufis gad dhiisaa;
9 你们要看看:车若直行以色列的境界到伯·示麦去,这大灾就是耶和华降在我们身上的;若不然,便可以知道不是他的手击打我们,是我们偶然遇见的。”
garuu ija isa irraa hin buqqifatinaa. Yoo inni gara biyya isaa gara Beet Shemeshitti qajeele rakkina guddaa kana Waaqayyotu nutti fide. Yoo gara sanatti qajeeluu baate garuu dhaʼichi kun akkuma tasaa nutti dhufe malee Waaqayyo nutti hin fidne.”
10 非利士人就这样行:将两只有乳的母牛套在车上,将牛犊关在家里,
Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan.
11 把耶和华的约柜和装金老鼠并金痔疮像的匣子都放在车上。
Isaanis taabota Waaqayyoo sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan.
12 牛直行大道,往伯·示麦去,一面走一面叫,不偏左右。非利士的首领跟在后面,直到伯·示麦的境界。
Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan.
13 伯·示麦人正在平原收割麦子,举目看见约柜,就欢喜了。
Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan.
14 车到了伯·示麦人约书亚的田间,就站住了。在那里有一块大磐石,他们把车劈了,将两只母牛献给耶和华为燔祭。
Gaariin sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
15 利未人将耶和华的约柜和装金物的匣子拿下来,放在大磐石上。当日伯·示麦人将燔祭和平安祭献给耶和华。
Warri Lewwotaas taabota Waaqayyoo sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma Waaqayyoof dhiʼeessan.
16 非利士人的五个首领看见,当日就回以革伦去了。
Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan erga waan kana hunda arganii booddee gaafuma sana Eqroonitti deebiʼan.
17 非利士人献给耶和华作赔罪的金痔疮像,就是这些:一个是为亚实突,一个是为迦萨,一个是为亚实基伦,一个是为迦特,一个是为以革伦。
Iiti warqee kan Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Waaqayyoof ergan kanaa dha; isaanis tokko Ashdoodiif, tokko Gaazaaf, tokko Eqrooniif, tokko Gaatiif, tokko immoo Ashqalooniif ergan.
18 金老鼠的数目是照非利士五个首领的城邑,就是坚固的城邑和乡村,以及大磐石。这磐石是放耶和华约柜的,到今日还在伯·示麦人约书亚的田间。
Baayʼinni hantuutota warqees akkuma baayʼina magaalaawwan Filisxeemotaa kanneen bulchitoota shananiif kennamaniitti ture. Magaalaawwan dallaa jajjaboo qaban kunneenis gandoota of jalaa qabu ture. Kattaan guddichi isaan taabota Waaqayyoo isa irra kaaʼan sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu namicha Beet Shemeshi keessatti hamma harʼaatti dhugaa baatuu dha.
19 耶和华因伯·示麦人擅观他的约柜,就击杀了他们七十人;那时有五万人在那里。百姓因耶和华大大击杀他们,就哀哭了。
Waaqnis sababii isaan taabota Waaqayyoo keessa ilaalaniif namoota Beet Shemeshi dhaʼee isaan keessaa nama torbaatama ajjeese. Sababii Waaqayyo akka malee isaan dhaʼeef namoonni sun ni booʼan;
20 伯·示麦人说:“谁能在耶和华这圣洁的 神面前侍立呢?这约柜可以从我们这里送到谁那里去呢?”
namoonni Beet Shemeshis, “Eenyutu fuula Waaqayyoo, fuula Waaqa qulqulluu kanaa dura dhaabachuu dandaʼa? Taabonni kun asii baʼee eenyu bira haa dhaqu?” jedhanii gaafatan.
21 于是打发人去见基列·耶琳的居民,说:“非利士人将耶和华的约柜送回来了,你们下来将约柜接到你们那里去吧!”
Ergasii gara Kiriyaati Yeʼaariimitti ergamoota erganii, “Filisxeemonni taabota Waaqayyoo deebisaniiru; gad kottaatii taabota sana gara keessanitti fudhadhaa” jedhaniin.

< 撒母耳记上 6 >