< 历代志上 9 >

1 以色列人都按家谱计算,写在以色列诸王记上。犹大人因犯罪就被掳到巴比伦。
Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman. Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame.
2 先从巴比伦回来,住在自己地业城邑中的有以色列人、祭司、利未人、尼提宁的首领。
Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti.
3 住在耶路撒冷的有犹大人、便雅悯人、以法莲人、玛拿西人。
Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan:
4 犹大儿子法勒斯的子孙中有乌太。乌太是亚米忽的儿子;亚米忽是暗利的儿子;暗利是音利的儿子;音利是巴尼的儿子。
Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.
5 示罗的子孙中有长子亚帅雅和他的众子。
Shelaanota keessaa: Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.
6 谢拉的子孙中有耶乌利和他的弟兄,共六百九十人。
Zaaraahota keessaa: Yeʼuuʼeel. Saboonni Yihuudaa nama 690 turan.
7 便雅悯人中有哈西努的曾孙、何达威雅的孙子、米书兰的儿子撒路,
Beniyaamota keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;
8 又有耶罗罕的儿子伊比尼雅,米基立的孙子、乌西的儿子以拉,伊比尼雅的曾孙、流珥的孙子、示法提雅的儿子米书兰,
Bineeyaa ilma Yirooham; Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii; Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.
9 和他们的族弟兄,按着家谱计算共有九百五十六名。这些人都是他们的族长。
Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan.
10 祭司中有耶大雅、耶何雅立、雅斤,
Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;
11 还有管理 神殿希勒家的儿子亚萨利雅。希勒家是米书兰的儿子;米书兰是撒督的儿子;撒督是米拉约的儿子;米拉约是亚希突的儿子。
Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa.
12 有玛基雅的曾孙、巴施户珥的孙子、耶罗罕的儿子亚大雅,又有亚第业的儿子玛赛;亚第业是雅希细拉的儿子;雅希细拉是米书兰的儿子;米书兰是米实利密的儿子;米实利密是音麦的儿子。
Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.
13 他们和众弟兄都是族长,共有一千七百六十人,是善于做 神殿使用之工的。
Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha.
14 利未人米拉利的子孙中,有哈沙比雅的曾孙、押利甘的孙子、哈述的儿子示玛雅。
Lewwota keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;
15 有拔巴甲、黑勒施、迦拉,并亚萨的曾孙、细基利的孙子、米迦的儿子玛探雅,
Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;
16 又有耶杜顿的曾孙、迦拉的孙子、示玛雅的儿子俄巴底,还有以利加拿的孙子、亚撒的儿子比利家。他们都住在尼陀法人的村庄。
Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun; Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.
17 守门的是沙龙、亚谷、达们、亚希幔,和他们的弟兄;沙龙为长。
Eegdota balbalaa: Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture;
18 从前这些人看守朝东的王门,如今是利未营中守门的。
innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan.
19 可拉的曾孙、以比雅撒的孙子、可利的儿子沙龙,和他的族弟兄可拉人都管理使用之工,并守会幕的门。他们的祖宗曾管理耶和华的营盘,又把守营门。
Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii Waaqayyoo turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan.
20 从前以利亚撒的儿子非尼哈管理他们,耶和华也与他同在。
Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; Waaqayyos isa wajjin ture.
21 米施利米雅的儿子撒迦利雅是看守会幕之门的。
Zakkaariyaas ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture.
22 被选守门的人共有二百一十二名。他们在自己的村庄,按着家谱计算,是大卫和先见撒母耳所派当这紧要职任的。
Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman. Eegdota balbalaa kanneenis Daawitii fi Saamuʼeel raajichatu hojii isaaniitti isaan ramade.
23 他们和他们的子孙按着班次看守耶和华殿的门,就是会幕的门。
Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana Waaqayyoo jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan.
24 在东西南北,四方都有守门的。
Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan.
25 他们的族弟兄住在村庄,每七日来与他们换班。
Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan.
26 这四个门领都是利未人,各有紧要的职任,看守 神殿的仓库。
Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Waaqaa keessaatu itti kenname.
27 他们住在 神殿的四围,是因委托他们守殿,要每日早晨开门。
Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Waaqaa dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan.
28 利未人中有管理使用器皿的,按着数目拿出拿入;
Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture.
29 又有人管理器具和圣所的器皿,并细面、酒、油、乳香、香料。
Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman.
30 祭司中有人用香料做膏油。
Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture.
31 利未人玛他提雅是可拉族沙龙的长子,他紧要的职任是管理盘中烤的物。
Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname.
32 他们族弟兄哥辖子孙中,有管理陈设饼的,每安息日预备摆列。
Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname.
33 歌唱的有利未人的族长,住在属殿的房屋,昼夜供职,不做别样的工。
Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture.
34 以上都是利未人著名的族长,住在耶路撒冷。
Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
35 在基遍住的有基遍的父亲耶利。他的妻名叫玛迦;
Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture. Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha;
36 他长子是亚伯顿。他又生苏珥、基士、巴力、尼珥、拿答、
ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
37 基多、亚希约、撒迦利雅、米基罗。
Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti.
38 米基罗生示米暗。这些人和他们的弟兄在耶路撒冷对面居住。
Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
39 尼珥生基士;基士生扫罗;扫罗生约拿单、麦基舒亚、亚比拿达、伊施·巴力。
Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
40 约拿单的儿子是米力·巴力;米力·巴力生米迦。
Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
41 米迦的儿子是毗敦、米勒、他利亚、亚哈斯。
Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.
42 亚哈斯生雅拉;雅拉生亚拉篾、亚斯玛威、心利;心利生摩撒;
Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
43 摩撒生比尼亚;比尼亚生利法雅;利法雅的儿子是以利亚萨;以利亚萨的儿子是亚悉。
Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
44 亚悉有六个儿子,他们的名字是亚斯利干、波基路、以实玛利、示亚利雅、俄巴底雅、哈难。这都是亚悉的儿子。
Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.

< 历代志上 9 >