< 使徒行傳 21 >

1 離開了他們,便開船一直航行,來到科斯,第二天到了洛多,又從那裏到了帕塔辣。
Erga isaaniin gargar baanee booddees dooniidhaan kaanee utuu mirgaa bitaatti hin gorin Qoositti qajeelle. Guyyaa itti aanutti Roodees dhaqnee achii immoo Phaaxaraatti dabarre.
2 我們遇見了一隻要開往腓尼基的船,便上去航行。
Doonii Finiiqeetti ceʼu tokkos argannee isa yaabbannee adeemsa itti fufne.
3 我們望見了塞浦路斯,就從它左邊駛過,向敘利亞駛去,在提洛靠了岸,因為船要在那裏卸貨。
Yommuu Qophiroosin arguu dandeenyetti, harka bitaatti ishee dhiifnee Sooriyaatti qajeelle; nus iddoo dooniin keenya feʼiisa isaa itti buufachuuf ture Xiiroositti irraa buune.
4 我們找到了門徒,就在那裏住了七天;他們因聖神的默示,告訴保祿不要上耶路撒冷去。
Achitti barattoota argannee guyyaa torba isaan bira turre. Isaanis akka Phaawulos Yerusaalem hin dhaqneef Hafuura Qulqulluun isa akeekkachiisan.
5 日子一滿,我們便出發前行,眾人同妻子兒女陪送我們直到城外;我們跪在岸上祈禱,
Garuu yeroon keenya dhumnaan achii kaanee deemsa keenya itti fufne; barattoonni hundinuu niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii wajjin magaalattii keessaa nu baasanii nu geggeessan; nus qarqara galaanaatti jilbeenfannee kadhanne.
6 彼此辭別後,我們上了船,他們就回家去了。
Erga nagaatti waliin jennee booddees doonii yaabbanne; isaan immoo mana isaaniitti deebiʼan.
7 我們從提洛到了仆托肋買,便行完了航程;向弟兄們請過安,就在他們那裏住了一夜。
Xiiroosii kaanee adeemsa keenya itti fufuudhaan Phitolemaayisitti galle; achittis obboloota dubbifnee guyyaa tokko isaan bira oolle.
8 第二天我們出發,來到凱撒勒雅,進了傳福音者斐理伯的家,住在他那裏,他是七執事之一。
Guyyaa itti aanutti achii kaanee Qiisaariyaa geenye; achittis mana lallabaa wangeelaa tokkoo mana Fiiliphoos isa warra torbaan keessaa tokko ture sanaa dhaqnee isa bira turre.
9 他有四個女兒,都是貞女,能說預言。
Innis ijoollee durbaa kanneen hin heerumin afur qaba ture; isaanis raajii dubbatu turan.
10 我們住了多日。有一個先知,名叫阿加波,從猶太下來。
Erga nu guyyaa hedduu achi turree booddee raajiin Agaaboos jedhamu tokko Yihuudaadhaa gad buʼe.
11 他來到我們這裏,拿起保祿的腰帶,將自己的腳和手綁了,說:「聖神這樣說:猶太人要在耶路撒冷這樣捆綁這條腰帶的主人,將他交在外邦人手中。」
Innis gara keenya dhufee sabbata Phaawulos fuudhee harkaa fi miilla ofii isaa hidhee, “Hafuurri Qulqulluun, ‘Yihuudoonni Yerusaalem jiraatan abbaa sabbata kanaa akkanatti hidhanii dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu’ jedha” jedhe.
12 我們一聽這話,就同當地居民請求保祿不要上耶路撒冷去。
Nus yommuu waan kana dhageenyetti akka Phaawulos Yerusaalemitti ol hin baaneef namoota achi jiran wajjin isa kadhanne.
13 保祿回答說:「你們為什麼啼哭,使我心碎呢﹖為了主耶穌的名,我不但準備受綑綁,而且也準備死在耶路撒冷。」
Phaawulos immoo deebisee, “Isin maaliif boossanii garaa na raaftu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiitiif jedhee Yerusaalemitti hidhamuu qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeeraatii” jedhe.
14 我們既不能說服他,也就靜默了,只說:「願主的旨意成就罷!」
Yommuu inni nuu sarmuu didettis, “Fedhiin Gooftaa haa taʼu” jennee dhiifne.
15 過了幾天,我們便收拾行李上耶路撒冷去;
Guyyoota kanneen booddees qophoofnee Yerusaalemitti ol baane.
16 有幾個凱撒勒雅的門徒,也和我們同去,他們領我們到一個久為門徒的塞浦路斯人木納松那裏住宿。
Barattoonni Qiisaariyaa keessaa tokko tokko nu miiltessanii gara mana Minaason nu geessan; innis nama Qophiroos kan barattoota durii keessaa tokko turee dha.
17 我們到了耶路撒冷,弟兄們高興地接待了我們。
Yommuu nu Yerusaalem geenyetti obboloonni gammachuudhaan nu simatan.
18 第二天,保祿同我們去見雅各伯,眾長老也都聚集在那裏。
Guyyaa itti aanuttis Phaawulos nu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin hundinuus achi turan.
19 保祿向他們請安以後,就將天主在外邦人中藉他的服務所行的事,一一敘述了。
Phaawulosis nagaa isaan gaafatee waan Waaqni tajaajila inni kenneen Namoota Ormaa keessatti hojjete hunda tokko tokkoon isaanii ibse.
20 他們聽了,就光榮天主,並對保祿說:「弟兄! 你看,在信教的猶太人中盈千累萬,都是熱愛法律的人;
Isaan yommuu waan kana dhagaʼanitti Waaqa galateeffatan. Phaawulosiinis akkana jedhan; “Yaa obboleessa, ati akka Yihuudoonni kuma hedduun amanan ni argita; hundi isaaniis hinaaffaa seeraaf qabu.
21 關於你,他們聽說你教訓在外邦人中的一切猶太人背棄梅瑟,說不要給孩子行割損禮,也不要按規例行。
Ati akka Yihuudoonni Namoota Ormaa keessa jiraatan hundinuu ilmaan isaanii dhagna hin qabnee fi akka isaan akka duudhaa keenyaatti hin jiraanne itti himtee akka isaan seera Musee irraa gara galan barsiisuun kee isaanitti himameera.
22 那麼怎麼辦呢﹖他們總會聽說你已來了。
Isaan akka ati dhufte dhugumaan ni dhagaʼu; egaa maal gochuu wayya?
23 你就按照我們告訴你的去辦罷:我們這裏有四個人,他們都有願在身;
Kanaaf ati waan nu sitti himnu godhi; namoonni wareega of irraa qaban afur nu bira jiru.
24 你帶這些人,同他們一起行取潔禮,並替他們出錢,叫他們剃頭;這樣,眾人便知道自己關於你所聽到的事原是假的,而你卻是個循規蹈矩,遵守法律的人。
Akka isaan mataa isaanii haaddataniif namoota kanneen ofitti fuudhiitii isaan wajjin of qulqulleessiitii baasii isaanii ati baasi. Kanaanis namoonni hundinuu akka oduun waaʼee kee odeeffame sun dhugaa hin taʼin, akka ati mataan kee iyyuu seeraaf ajajamtee jiraattu ni beeku.
25 關於信教的外邦人,我們已寫信決定,叫他們戒避祭邪神之物、血、窒死的禽獸和姦淫。」
Waaʼee Namoota Ormaa kanneen amananii immoo akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagataniif nu murtii keenya isaaniif barreessineerra.”
26 於是保祿就把這幾個人帶去;第二天,同他們一起行了取潔禮,以後進了聖殿,呈報取潔的日子何時滿期,何時為他們每人奉獻供物。
Phaawulosis guyyaa itti aanutti namoota sana ofitti fuudhee isaan wajjin of qulqulleesse; ergasii immoo gaafa guyyoonni qulqullaaʼummaa sun itti xumuramanii fi yeroo itti aarsaan maqaa tokkoo tokkoo isaaniitiin dhiʼeeffamuu malu beeksisuuf mana qulqullummaa seene.
27 當七天快完時,從亞細亞來的猶太人見保祿在殿裏,就煽動所有的群眾,向他下手,
Yommuu guyyoonni torban sun xumuramuu gaʼanitti Yihuudoonni biyya Asiyaatii dhufan tokko tokko Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti argan. Isaanis nama hundumaa kakaasanii isa qaban.
28 喊著說:「以色列人! 請幫忙,這就是到處教訓眾人反對人民、法律和這地方的那個人。他還領了希臘人們進聖殿,褻瀆了這聖地。」
Iyyaniis, “Yaa namoota Israaʼel nu gargaaraa! Namichi kun nama saba keenyaan mormaa, seera keenyaa fi mana qulqullummaa mormaa nama hunda iddoo hundatti barsiisuu dha. Kana malees inni Giriikota mana qulqullummaatti ol galchee iddoo qulqulluu kana xureesseera” jedhan.
29 原來他們以前見過厄弗所人特洛斐摩同他在城裏,就以為保祿領他進了聖殿。
Isaan waan duraan namicha Efesoon kan maqaan isaa Xiroofiimoos jedhamu tokko Phaawulos biratti magaalaa keessatti arganii turaniif, waan Phaawulos mana qulqullummaatti ol isa galche seʼaniitii.
30 於是全城震動,百姓一起跑來,拿住保祿,把他拉出殿外,立即把門都關上。
Magaalaan sunis guutummaatti ni raafamte; namoonnis karaa hundumaan fiigaa dhufan. Isaanis Phaawulosin qabanii lafa irra harkisaa mana qulqullummaatii gad baasan; yommusuma karroonni cufaman.
31 他們正想要殺他時,有人上去報告給營部的千夫長說: 「全耶路撒冷都亂了!」
Utuu isaan isa ajjeesuu yaalanuu akka magaalaan Yerusaalem guutummaatti raafamaa jirtu oduun ajajaa waraana Roomaa gaʼe.
32 千夫長立時帶著士兵和百夫長跑下來,到了他們那裏;他們一見了千夫長和士兵,就停止,不打保祿了。
Innis yeruma sana loltootaa fi ajajjuuwwan dhibbaa tokko tokko fudhatee fiigichaan isaanitti gad buʼe. Isaanis yommuu ajajaa sanaa fi loltoota isaa arganitti Phaawulosin tumuu dhiisan.
33 於是千夫長前去,拿住保祿,下令用兩條鎖鏈綁了,遂查問他是誰,作了什麼事。
Ajajaan sunis dhufee isa qabe; akka inni foncaa lamaan hidhamus ajaje; akka inni eenyu taʼee fi akka inni maal hojjechaa tures isa gaafate.
34 群眾中,有的喊這,有的喊那;由於亂嚷,千夫長不能得知實情,便下令將保祿帶到營裏去。
Tuuta sana keessaas garri tokko waan tokko jedhanii iyyaa, garri kaan immoo waan biraa jedhanii iyyaa turan; ajajaan sunis sababii waca namaatiif waan mirkana taʼe argachuu waan dadhabeef akka Phaawulos gara qubata loltootaatti geeffamu ajaje.
35 當走上台階時,由於群眾擠得兇猛,保祿只好由士兵抬著;
Phaawulos gulantaa ittiin gad baʼan bira geenyaan sababii goolii namootaatiif loltoonni isa baatan.
36 一群百姓跟在後面喊著說:「除掉他!」
Namoonni hedduunis, “Isa ajjeesi!” jedhanii iyyaa duukaa buʼan.
37 快要帶進營盤時,保祿向千夫長說:「許我向你說句話嗎﹖」他說: 「你會希臘話﹖
Phaawulos yommuu loltoonni isa fuudhanii qubata loltootaatti ol isa galchuuf jedhanitti, ajajaa sanaan, “Akka ani waa sitti himu naa eeyyamtaa?” jedhee gaafate. Ajajaan sun immoo deebisee akkana jedhe; “Ati afaan Giriik ni dubbattaa?
38 莫非你就是前些日子作亂,帶領四千匕首黨人,往荒野去,的那個埃及人嗎﹖」
Ati namicha biyya Gibxi kan dhiʼeenya kana goolii kaasee shororkeessitoota 4,000 fudhatee gammoojjiitti gale sana mitii?”
39 保祿答說:「我是猶太人,是塔爾索人,基里基雅的一個並非無名城市的公民。我求你,准我向百姓講話。」
Phaawulosis, “Ani Yihuudii Xarsees magaalaa beekamtuu Kiilqiyaa keessaa sanaa ti. Maaloo, akka ani namoota kanatti dubbadhu naa eeyyami” jedhee deebise.
40 千夫長准許了;保祿就站在台階上向百姓揮手,大家都安靜下來後,保祿便用希伯來話致辭說:
Phaawulos akkuma eeyyama ajajaa sanaa argateen gulantaa sana irra dhaabatee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne; yommuu isaan hundinuu calʼisanitti immoo afaan Araamaayikiitiin akkana jedheen.

< 使徒行傳 21 >