< 1 Mbiri 9 >

1 Aisraeli onse analembedwa potsata mibado yawo mʼbuku la mafumu a Aisraeli. Anthu a ku Yuda anatengedwa kunka ku ukapolo ku Babuloni chifukwa cha kusakhulupirika kwawo.
Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman. Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame.
2 Tsono anthu oyamba kukhala mʼmadera awo anali Aisraeli wamba, ansembe, Alevi ndi otumikira ku Nyumba ya Yehova.
Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti.
3 Anthu a ku Yuda, Benjamini ndi Efereimu ndiponso Manase amene anakhala mu Yerusalemu anali awa:
Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan:
4 Utai mwana wa Amihudi, mwana wa Omuri, mwana wa Imuri, mwana wa Bani, chidzukulu cha Perezi mwana wa Yuda.
Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.
5 A banja la Siloni: Asaya mwana wake woyamba pamodzi ndi ana ake.
Shelaanota keessaa: Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.
6 A banja la Zera: Yeueli. Anthu ochokera ku Yuda analipo 690.
Zaaraahota keessaa: Yeʼuuʼeel. Saboonni Yihuudaa nama 690 turan.
7 A fuko la Benjamini: Salu mwana wa Mesulamu, mwana wa Hodaviya, mwana wa Hasenuya;
Beniyaamota keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;
8 Ibineya mwana wa Yerohamu; Ela mwana wa Uzi, mwana wa Mikiri; ndi Mesulamu mwana wa Sefatiya, mwana wa Reueli mwana wa Ibiniya.
Bineeyaa ilma Yirooham; Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii; Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.
9 Anthu ochokera ku Benjamini monga analembedwera mwa mibado yawo, analipo 956. Anthu onsewa anali atsogoleri a mabanja awo.
Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan.
10 Ansembe: Yedaya, Yehoyaribu; Yakini;
Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;
11 Azariya mwana wa Hilikiya, mwana wa Mesulamu, mwana wa Zadoki mwana wa Merayoti, mwana wa Ahitubi, wamkulu woyangʼanira Nyumba ya Mulungu;
Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa.
12 Adaya mwana wa Yerohamu, mwana wa Pasi-Huri, mwana wa Malikiya; ndi Maasai mwana wa Adieli, mwana wa Yahizera, mwana wa Mesulamu, mwana wa Mesilemoti, mwana wa Imeri.
Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.
13 Ansembe amene anali atsogoleri a mabanja awo analipo 1,760. Anali anthu amphamvu ndi odziwa kutumikira mʼnyumba ya Mulungu.
Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha.
14 Alevi: Semaya mwana wa Hasubu, mwana wa Azirikamu, mwana wa Hasabiya, wa mʼbanja la Merari;
Lewwota keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;
15 Bakibakara, Heresi, Galali ndi Mataniya mwana wa Mika, mwana wa Zikiri, mwana wa Asafu;
Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;
16 Obadiya mwana wa Semaya mwana wa Galali, mwana wa Yedutuni ndi Berekiya mwana wa Asa, mwana wa Elikana, amene ankakhala ku midzi ya Anetofati.
Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun; Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.
17 Alonda a pa makomo: Salumu, Akubu, Talimoni, Ahimani ndi abale awo. Mtsogoleri wawo anali Salumu.
Eegdota balbalaa: Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture;
18 Amenewa amakhala pa chipata cha mfumu kummawa mpaka lero lino. Alonda a gulu la Alevi anali awa:
innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan.
19 Salumu mwana wa Kore, mwana wa Ebiyasafu, mwana wa Kora, pamodzi ndi abale ake a ku banja la makolo ake, Akora aja ankanyangʼanira khomo la Tenti monga ankachitira abambo awo polondera khomo la malo okhalapo Yehova.
Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii Waaqayyoo turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan.
20 Masiku oyamba Finehasi mwana wa Eliezara anali woyangʼanira alonda apakhomo ndipo Yehova anali naye.
Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; Waaqayyos isa wajjin ture.
21 Zekariya mwana wa Meselemiya anali mlonda woyangʼanira pa chipata cha tenti ya msonkhano.
Zakkaariyaas ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture.
22 Onse amene anasankhidwa kukhala alonda pa khonde analipo 212. Iwo analembedwa mwa mibado yawo ku midzi yawo. Davide ndi mneneri Samueli ndiwo anawayika mʼmalo awo antchito chifukwa cha kukhulupirika kwawo.
Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman. Eegdota balbalaa kanneenis Daawitii fi Saamuʼeel raajichatu hojii isaaniitti isaan ramade.
23 Iwo ndi zidzukulu zawo anali oyangʼanira zipata za nyumba ya Yehova imene imatchedwa Tenti.
Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana Waaqayyoo jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan.
24 Alonda apakhomowa anali mbali zonse zinayi: kummawa, kumadzulo, kumpoto ndi kummwera.
Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan.
25 Abale awo a ku midzi yawo amabwera nthawi ndi nthawi kudzagwira ntchito yawo kwa masiku asanu ndi awiri.
Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan.
26 Koma atsogoleri akuluakulu anayi a alonda, amene anali Alevi, anapatsidwa udindo woyangʼanira zipinda ndi chuma cha nyumba ya Mulungu.
Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Waaqaa keessaatu itti kenname.
27 Iwo amakhala usiku wonse atayima mozungulira Nyumba ya Mulungu, chifukwa anayenera kuyilondera. Ndipo anali ndi kiyi wotsekulira mmawa uliwonse.
Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Waaqaa dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan.
28 Ena amayangʼanira zipangizo zimene amagwiritsa ntchito pa ntchito mʼNyumba ya Mulungu. Iwo amaziwerenga zikamalowetsedwa ndi potulutsidwa.
Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture.
29 Ena anapatsidwa udindo wosamalira zipangizo ndi zinthu zina zonse za ku malo opatulika, pamodzi ndi ufa, vinyo, mafuta, lubani ndi zonunkhira.
Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman.
30 Koma ansembe ena amasakaniza zonunkhirazo.
Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture.
31 Mlevi wotchedwa Matitiya mwana woyamba wa Salumu wa mʼbanja la Kora, anapatsidwa udindo woyangʼanira zophikidwa mʼziwaya.
Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname.
32 Abale ake ena a mʼbanja la Akohati amaphika buledi wa pa Sabata lililonse amene amayikidwa pa tebulo.
Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname.
33 Atsogoleri a mabanja a Alevi, amene anali ndi luso loyimba, amakhala mʼzipinda za Nyumba ya Mulungu ndipo samagwira ntchito zina chifukwa ankatumikira usana ndi usiku.
Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture.
34 Onsewa anali atsogoleri a mabanja a Alevi, akuluakulu monga analembedwera pa mibado yawo, ndipo ankakhala mu Yerusalemu.
Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
35 Yeiyeli abambo a Gibiyoni ankakhala ku Gibiyoni. Dzina la akazi awo linali Maaka,
Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture. Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha;
36 ndipo mwana wawo woyamba kubadwa anali Abidoni, motsatana ndi Zuri, Kisi, Baala, Neri, Nadabu,
ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
37 Gedori, Ahiyo, Zekariya ndi Mikiloti.
Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti.
38 Mikiloti anabereka Simeamu. Iwonso ankakhala ndi abale awo ku Yerusalemu.
Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
39 Neri anabereka Kisi, Kisi anabereka Sauli, ndipo Sauli anabereka Yonatani, Maliki-Suwa, Abinadabu ndi Esibaala.
Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
40 Mwana wa Yonatani anali Meri-Baala, amene anabereka Mika.
Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
41 Ana a Mika anali: Pitoni, Meleki, Tahireya ndi Ahazi.
Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.
42 Ahazi anabereka Yara, Yara anabereka Alemeti, Azimaveti ndi Zimuri, ndipo Zimiri anabereka Moza.
Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
43 Moza anabereka Bineya. Ana ake anali Refaya, Eleasa ndi Azeli.
Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
44 Azeli anali ndi ana asanu ndi mmodzi ndipo mayina awo anali awa: Azirikamu, Bokeru, Ismaeli, Seariya, Obadiya ndi Hanani. Awa anali ana a Azeli.
Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.

< 1 Mbiri 9 >