< ՅԱՅՏՆՈՒԹԻՒՆ ՅՈՎՀԱՆՆՈՒ 6 >

1 Նայեցայ՝ երբ Գառնուկը բացաւ կնիքներէն մէկը՝՝, եւ լսեցի չորս էակներէն մէկուն ձայնը՝ որոտումի պէս, որ կ՚ըսէր. «Եկո՛ւր ու տե՛ս»:
Anis yommuu Hoolichi chaappaawwan torban keessaa isa jalqabaa banu nan arge. Ergasiis uumamawwan lubbuu qabeeyyii keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
2 Եւ տեսայ. ահա՛ ճերմակ ձի մը կար, որուն վրայ հեծնողը ունէր աղեղ մը: Պսակ մը տրուեցաւ անոր, ու դուրս ելաւ իբր յաղթող՝ որպէսզի յաղթէ:
Anis nan ilaale; kunoo, fardi adiin tokko fuula koo dura ture! Inni farda sana yaabbates iddaa harkatti qabatee ture; gonfoonis ni kennameef; innis moʼachaa, ammas moʼachuuf baʼe.
3 Երբ բացաւ երկրորդ կնիքը, լսեցի երկրորդ էակը՝ որ կ՚ըսէր. «Եկո՛ւր»:
Yommuu Hoolichi chaappaa lammaffaa banettis uumamni jiraataan inni lammaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
4 Ուրիշ, շառագոյն ձի մը դուրս ելաւ, եւ անոր վրայ հեծնողին իշխանութիւն տրուեցաւ՝ որ երկրէն վերցնէ խաղաղութիւնը, որպէսզի մորթեն զիրար. ու մեծ սուր մը տրուեցաւ անոր:
Fardi biraa daamaan tokkos ni dhufe. Isa fardicha yaabbatuufis akka inni nagaa lafa irraa balleessuu fi akka namoonni wal gorraʼan akka godhuuf humni kennameef; goraadeen guddaan tokkos ni kennameef.
5 Երբ բացաւ երրորդ կնիքը, լսեցի երրորդ էակը՝ որ կ՚ըսէր. «Եկո՛ւր ու տե՛ս»: Եւ տեսայ. ահա՛ սեւ ձի մը կար, որուն վրայ հեծնողը՝ ձեռքին մէջ ունէր կշիռք մը:
Yommuu Hoolichi chaappaa sadaffaa banettis uumamni jiraataan inni sadaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe; nan ilaales; kunoo, fardi gurraachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus madaalii of harkaa qaba ture.
6 Չորս էակներուն մէջէն լսեցի ձայն մը՝ որ կ՚ըսէր. «Կապիճ մը ցորենը՝ մէկ դահեկանի, ու երեք կապիճ գարին՝ մէկ դահեկանի: Մի՛ վնասեր ձէթին եւ գինիին»:
Anis waan akka sagalee uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran gidduu dubbatame fakkaatu tokko, “Qamadiin safartuu tokkoo mindaa guyyaa tokkootiif, garbuun safartuu sadiis mindaa guyyaa tokkootiif haa taʼu; garuu zayitii fi daadhii wayinii hin miidhin!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
7 Երբ բացաւ չորորդ կնիքը, լսեցի չորրորդ էակին ձայնը՝ որ կ՚ըսէր. «Եկո՛ւր ու տե՛ս»:
Yommuu Hoolichi chaappaa afuraffaa banetti sagalee uumama jiraataa afuraffaa kan, “Kottu!” jedhu nan dhagaʼe.
8 Եւ տեսայ. ահա՛ տժգոյն ձի մը կար, որուն վրայ հեծնողին անունը Մահ էր, ու դժոխքը կը հետեւէր անոր: Իշխանութիւն տրուեցաւ անոնց՝ երկրի քառորդին վրայ, որ սպաննեն թուրով, սովով, մահով ու երկրի գազաններով: (Hadēs g86)
Anis nan ilaale; kunoo, fardi daalachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus maqaan isaa Duʼa jedhama ture; Siiʼoolis dugda duubaan itti dhiʼaatee isa duukaa buʼaa ture. Isaanis goraadeen, beelaan, balaa fi bineensota lafaatiin akka ajjeesaniif kurmaana lafaa irratti humni ni kennameef. (Hadēs g86)
9 Երբ բացաւ հինգերորդ կնիքը, զոհասեղանին ներքեւ տեսայ անձերը անոնց՝ որ մորթուած էին Աստուծոյ խօսքին համար, եւ իրենց տուած վկայութեան համար:
Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge.
10 Անոնք բարձրաձայն աղաղակեցին. «Սո՛ւրբ եւ ճշմարի՛տ Տիրակալ, մինչեւ ե՞րբ պիտի չդատես ու չառնես մեր արիւնին վրէժը երկրի բնակիչներէն»:
Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan.
11 Ճերմակ պարեգօտ տրուեցաւ անոնցմէ իւրաքանչիւրին, եւ ըսուեցաւ անոնց որ հանգչին քիչ մը ժամանակ ալ, մինչեւ որ ամբողջանան իրենց ծառայակիցներն ու անոնց եղբայրները՝ որոնք պիտի սպաննուէին իրենց պէս:
Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame.
12 Տեսայ՝ երբ բացաւ վեցերորդ կնիքը, եւ ահա՛ մեծ երկրաշարժ մը եղաւ: Արեւը սեւցաւ՝ մազեղէն քուրձի մը պէս, լուսինը (բոլորովին) արիւնի գոյնի պէս եղաւ,
Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate;
13 ու երկինքի աստղերը ինկան երկրի վրայ, ինչպէս սաստիկ հովէն շարժուած թզենին կը թափէ իր տհաս պտուղները:
urjiiwwan samiis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan.
14 Երկինքը կծկուեցաւ ոլորուող մագաղաթի մը պէս, եւ բոլոր լեռներն ու կղզիները շարժեցան իրենց տեղերէն:
Samiin akkuma kitaaba maramaatti marame; tulluu fi biyyi bishaaniin marfamtes iddoo isaaniitii buqqifaman.
15 Երկրի թագաւորները, մեծամեծները, հարուստները, հազարապետները, զօրաւորները, եւ բոլոր ստրուկներն ու բոլոր ազատները պահուըտեցան քարայրներու եւ լեռներու ժայռերուն մէջ,
Mootonni lafa irraa, bulchitoonnii fi abbootiin duulaa, sooreyyii fi namoonni jajjaboonni, namoonni kaan hundi, garbas taʼu birmaduun holqa keessaa fi kattaawwan tulluuwwanii gidduutti dhokatan.
16 ու կ՚ըսէին լեռներուն եւ ժայռերուն. «Ինկէ՛ք մեր վրայ ու պահեցէ՛ք մեզ գահին վրայ բազմողին երեսէն, եւ Գառնուկին բարկութենէն:
Isaanis tulluuwwanii fi kattaawwan waammatanii akkana jedhu; “Nurratti kufaa; fuula isa teessoo irra taaʼu sanaatii fi dheekkamsa Hoolichaa duraa nu dhoksaa!
17 Որովհետեւ անոր բարկութեան մեծ օրը եկաւ, եւ ո՞վ կրնայ դիմանալ»:
Guyyaan dheekkamsa isaa guddaan sun gaʼeeraatii; egaa eenyutu guyyaa sana dura dhaabachuu dandaʼa ree?”

< ՅԱՅՏՆՈՒԹԻՒՆ ՅՈՎՀԱՆՆՈՒ 6 >