< أَمْثَالٌ 3 >

يَا ٱبْنِي، لَا تَنْسَ شَرِيعَتِي، بَلْ لِيَحْفَظْ قَلْبُكَ وَصَايَايَ. ١ 1
Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; ajaja koos garaatti qabadhu;
فَإِنَّهَا تَزِيدُكَ طُولَ أَيَّامٍ، وَسِنِي حَيَاةٍ وَسَلَامَةً. ٢ 2
isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
لَا تَدَعِ ٱلرَّحْمَةَ وَٱلْحَقَّ يَتْرُكَانِكَ. تَقَلَّدْهُمَا عَلَى عُنُقِكَ. اُكْتُبْهُمَا عَلَى لَوْحِ قَلْبِكَ، ٣ 3
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
فَتَجِدَ نِعْمَةً وَفِطْنَةً صَالِحَةً فِي أَعْيُنِ ٱللهِ وَٱلنَّاسِ. ٤ 4
Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
تَوَكَّلْ عَلَى ٱلرَّبِّ بِكُلِّ قَلْبِكَ، وَعَلَى فَهْمِكَ لَا تَعْتَمِدْ. ٥ 5
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
فِي كُلِّ طُرُقِكَ ٱعْرِفْهُ، وَهُوَ يُقَوِّمُ سُبُلَكَ. ٦ 6
karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
لَا تَكُنْ حَكِيمًا فِي عَيْنَيْ نَفْسِكَ. ٱتَّقِ ٱلرَّبَّ وَٱبْعُدْ عَنِ ٱلشَّرِّ، ٧ 7
Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
فَيَكُونَ شِفَاءً لِسُرَّتِكَ، وَسَقَاءً لِعِظَامِكَ. ٨ 8
Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.
أَكْرِمِ ٱلرَّبَّ مِنْ مَالِكَ وَمِنْ كُلِّ بَاكُورَاتِ غَلَّتِكَ، ٩ 9
Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
فَتَمْتَلِئَ خَزَائِنُكَ شِبْعًا، وَتَفِيضَ مَعَاصِرُكَ مِسْطَارًا. ١٠ 10
yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
يَا ٱبْنِي، لَا تَحْتَقِرْ تَأْدِيبَ ٱلرَّبِّ وَلَا تَكْرَهْ تَوْبِيخَهُ، ١١ 11
Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin.
لِأَنَّ ٱلَّذِي يُحِبُّهُ ٱلرَّبُّ يُؤَدِّبُهُ، وَكَأَبٍ بِٱبْنٍ يُسَرُّ بِهِ. ١٢ 12
Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
طُوبَى لِلْإِنْسَانِ ٱلَّذِي يَجِدُ ٱلْحِكْمَةَ، وَلِلرَّجُلِ ٱلَّذِي يَنَالُ ٱلْفَهْمَ، ١٣ 13
Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
لِأَنَّ تِجَارَتَهَا خَيْرٌ مِنْ تِجَارَةِ ٱلْفِضَّةِ، وَرِبْحَهَا خَيْرٌ مِنَ ٱلذَّهَبِ ٱلْخَالِصِ. ١٤ 14
ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
هِيَ أَثْمَنُ مِنَ ٱلَّلآلِئِ، وَكُلُّ جَوَاهِرِكَ لَا تُسَاوِيهَا. ١٥ 15
Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
فِي يَمِينِهَا طُولُ أَيَّامٍ، وَفِي يَسَارِهَا ٱلْغِنَى وَٱلْمَجْدُ. ١٦ 16
Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
طُرُقُهَا طُرُقُ نِعَمٍ، وَكُلُّ مَسَالِكِهَا سَلَامٌ. ١٧ 17
Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; daandiin ishee hundis nagaa dha.
هِيَ شَجَرَةُ حَيَاةٍ لِمُمْسِكِيهَا، وَٱلْمُتَمَسِّكُ بِهَا مَغْبُوطٌ. ١٨ 18
Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
ٱلرَّبُّ بِٱلْحِكْمَةِ أَسَّسَ ٱلْأَرْضَ. أَثْبَتَ ٱلسَّمَاوَاتِ بِٱلْفَهْمِ. ١٩ 19
Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
بِعِلْمِهِ ٱنْشَقَّتِ ٱللُّجَجُ، وَتَقْطُرُ ٱلسَّحَابُ نَدًى. ٢٠ 20
beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; duumessoonnis fixeensa coccobsan.
يَا ٱبْنِي، لَا تَبْرَحْ هَذِهِ مِنْ عَيْنَيْكَ. ٱحْفَظِ ٱلرَّأْيَ وَٱلتَّدْبِيرَ، ٢١ 21
Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
فَيَكُونَا حَيَاةً لِنَفْسِكَ، وَنِعْمَةً لِعُنُقِكَ. ٢٢ 22
isaan jireenya siif taʼu; morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
حِينَئِذٍ تَسْلُكُ فِي طَرِيقِكَ آمِنًا، وَلَا تَعْثُرُ رِجْلُكَ. ٢٣ 23
Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; miilli kees hin gufatu;
إِذَا ٱضْطَجَعْتَ فَلَا تَخَافُ، بَلْ تَضْطَجِعُ وَيَلُذُّ نَوْمُكَ. ٢٤ 24
ati yoo raftu hin sodaattu; hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
لَا تَخْشَى مِنْ خَوْفٍ بَاغِتٍ، وَلَا مِنْ خَرَابِ ٱلْأَشْرَارِ إِذَا جَاءَ. ٢٥ 25
Balaa akkuma tasaa sitti dhufu yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
لِأَنَّ ٱلرَّبَّ يَكُونُ مُعْتَمَدَكَ، وَيَصُونُ رِجْلَكَ مِنْ أَنْ تُؤْخَذَ. ٢٦ 26
Waaqayyo irkoo siif taʼaatii; akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
لَا تَمْنَعِ ٱلْخَيْرَ عَنْ أَهْلِهِ، حِينَ يَكُونُ فِي طَاقَةِ يَدِكَ أَنْ تَفْعَلَهُ. ٢٧ 27
Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
لَا تَقُلْ لِصَاحِبِكَ: «ٱذْهَبْ وَعُدْ فَأُعْطِيَكَ غَدًا» وَمَوْجُودٌ عِنْدَكَ. ٢٨ 28
Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
لَا تَخْتَرِعْ شَرًّا عَلَى صَاحِبِكَ، وَهُوَ سَاكِنٌ لَدَيْكَ آمِنًا. ٢٩ 29
Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee waan hamaa itti hin yaadin.
لَا تُخَاصِمْ إِنْسَانًا بِدُونِ سَبَبٍ، إِنْ لَمْ يَكُنْ قَدْ صَنَعَ مَعَكَ شَرًّا. ٣٠ 30
Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin akkasumaan hin miidhin.
لَا تَحْسِدِ ٱلظَّالِمَ وَلَا تَخْتَرْ شَيْئًا مِنْ طُرُقِهِ، ٣١ 31
Nama dabaatti hin hinaafin; yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
لِأَنَّ ٱلْمُلْتَوِيَ رَجْسٌ عِنْدَ ٱلرَّبِّ، أَمَّا سِرُّهُ فَعِنْدَ ٱلْمُسْتَقِيمِينَ. ٣٢ 32
Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
لَعْنَةُ ٱلرَّبِّ فِي بَيْتِ ٱلشِّرِّيرِ، لَكِنَّهُ يُبَارِكُ مَسْكَنَ ٱلصِّدِّيقِينَ. ٣٣ 33
Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa; inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
كَمَا أَنَّهُ يَسْتَهْزِئُ بِٱلْمُسْتَهْزِئِينَ، هَكَذَا يُعْطِي نِعْمَةً لِلْمُتَوَاضِعِينَ. ٣٤ 34
Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
ٱلْحُكَمَاءُ يَرِثُونَ مَجْدًا وَٱلْحَمْقَى يَحْمِلُونَ هَوَانًا. ٣٥ 35
Ogeeyyiin ulfina dhaalu; gowwoota garuu inni ni qaanessa.

< أَمْثَالٌ 3 >