< Matiyu 6 >

1 Yiran seng bara iwa su katwa kacine mine bara uyenju niyizi nanit asirne, iwa su nani na ima se uduk kitin Ciff mine na adi kitene kani ba.
“Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.
2 Asa ima fillu unit imon, na iwa fo kulantun nbun mine nafo na anan liya kiti din suzu nanya tibau a nilarin lira ba, bara inan se liru nanit asirne. Kidegen ndin bellu minu, imal seru uduk mine.
“Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
3 Ama andi uma fillu, na uwa yinni ucara ugule fe yinnin imon irika na udin sue ba,
Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin;
4 Asa uta nani, ufillu fe mayitu nanyan nyeshinu, Ucif fe tutung na adin yenju nanya liyeshighe manifi uduk.
kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
5 Tutung andi ima ti nlira, na iwa su nafo anan liya kiti ba, bara inung dinin su iyisizin nanya nati nlira nin ngau libau, anit nan yenje nani. Kidegen ndin bellu minu, inung mal seru uduk mine.
“Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
6 Anung andi ima ti nlira, piran nanya npiit natii mine. Tursun nibulung mine, inin ti nlira udu kitin Cif mine ulenge na adin yenju nanya liyeshin. Ame tutung Ucif mine na adin yenju nya liyeshine ma timinu uduk.
Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
7 Tutung andi ima ti nlira, na iwa lawan kpilzu nliru urume tibatiba nafo alumai ba, bara inung din yenju nafo ngbardang liru minere mati ilanza nani.
Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.
8 Bara nani yenjen iwa yita nafo inughe, bara Ucif mine yiru vat nimon irika na idi nin suwe a na isa tiringhe ba.
Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.
9 Bara nani, tan nlira nafo nenge: 'Ucif bit nanya kitene kani, kusu lissafe.
“Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu;
10 Na tigofe dak, na isu imon nayife nyii nafo na idin sue kitene kani.
mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu.
11 Nanari kitimone imonli liyirin.
Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
12 Kala nari tire bite, nafo na arike wang din kalzu na lenge na tidin dortu nani tire.
Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi.
13 Tutun na uwa do ninghirik kitin maluzu ba, ama bolo nari ncara shintan: bara kipin tigowe kinfere, likara nin gongon uyaunu nene udu saligan. Usonani.'
Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
14 Bara asa idin kalzu anit alapi mine, ucif mine kitene kani wang ma kalu amin alape.
Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.
15 Ama andi na anung din kalzu alapi na lenge na idin su minu ba, nanere wang na ucif mine ma kalzu amin alape ba.
Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.
16 Nanere tutung andi ima su ukotu nayi, na iwa timoro nafo anan tiyom ba, nafo na anan liya kiti dinsu inan ta anit yinno inung din su ukotu nayi. Kidegen ndin bellu minu inung nmal se uduk mine.
“Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
17 Ama anung andi imasu ukotu nayi, ikusu timuro mine lau itiza nnuf.
Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.
18 Bara anit wa yinnin idin kotu nayi. Ame Ucif mine na adin yenju usanme ma nimunu uduk.
Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.
19 Na iwa ceo atimine utamani nanya nle uyie ba, kiti kanga na kijiji nin binju din li, nin kiti kanga na akiri din kuluzu i tuzuzu.
“Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa.
20 Na ceun ati mine utamani kitine kani, kiti ka na kijiji nin biju wasa inaza ba, kiti kanga na akiri wasa ipuro ituzuzu ba.
Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
21 Kiti kanga na utamani fe duku, kikanere wang kibinayi fe ma yitu ku.
Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
22 Liyizi, linere upitila kidowo. Bara nani, asa liyizife di licine, kidowo fe vat mayitu lau.
“Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama.
23 Ama asa na liyizi dilicine ba, kidowofe vat mayitu nin dinong. Asa kidowo fe sali nin kanan, gbardang nsirte kati likara nbellu!
Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
24 Na unit urum wasa asu katwa kiti nacikilari aba ba, nbara anari umon, ati usu nmon, asa na ata nani ba, aba ni litime kan kiti nmon anin dira usu katwa kacine kitin mong. Na iwasa isu Kutelle liccin nin tamani kubi kurume ba.
“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
25 Bara nani nbelin minu, na iwa ciso ucara litawa nbelen kpilizu nliru nbelen natime inyaghari ti ba li sa tiba sonu, sa nidowo bite inyaghari tiba shonu. Na ulai katin imoli ba, nakidowo katin imon shonu ba?
“Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?
26 Ton iyizi iyene anyin kitene kani! Na idi su tibila sa upitiru kusana iciso lilai ba, Ucif mine na adi kitene kane din nizu nani imonli. Na anung katin nani nin gongon kan ba?
Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
27 Uyeme unitari nanya mine bara tiyom nimon nyii ulele wasa akpina ngbardang nayiri nlai me?
Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?
28 Nyaghari nta idi tiyom nbelen nimon kidowo, kpilzan uliru nanya nibinayi mine iyene amamu naneen, imus tikunang nanin; na adin su katwa ba, ana adin sho imon kidowo ba.
“Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan.
29 Na nbellin minu tutung, Solomon litime vat nin gongong me, na awa ashon imon kidowo na iwa katin amamu nin caut ba.
Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
30 Andi Kutelle din su amamu nanya naneen kuyok kucine nani, arika na asa atuto kitimone, ula kurtuno uleo anin nin kui, ama so sa uni miinu imon nshonu kidowa? Anung anan kibinayi kikaf?
Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?
31 Bara nani na iwa su tiyom iworo, 'Inyaghari tiba li'? Sa iworo, 'iyagahri tiba sonu'? Sa tutung iyaghari tiba shonu kidowo'?
Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.
32 Imon ilele vat alumai din cisu nibinayi mine npizuru ninin, Ucif mine tutung kitene kani yiru idi nin su ninin vat.
Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
33 Ama cizinan upiziru tigo nin katwa kacine me, vat ngisin nimon ilele ima kpin minu ku.
Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
34 Bara nani na iwa su tiyom nbellen nkui ba, bara na ukui ba su tiyom litime. Kolome liri di nin niume.
Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

< Matiyu 6 >