< Matiyu 23 >

1 Nin nani, Yesu su uliru ligozi, nin nono katwa mye.
Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe:
2 A woro, “Anan ninyerte nin na Farisiyawa, asa iso kiti lisosin Musa.
“Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru.
3 Bara nani, vat nile imon na ibellin munu isu, suun inin kin yenje, na iwa su adu mine ba. Bara inung di nbellu, na idin su inin ba.
Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii.
4 Nanere, asa itere kutura ku getek, kun nijasin inyaunu, inin tarda anit nabandang, inung atimine na iba dudu nin ticin bara iyaun ba.
Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan.
5 Vat nadu mine idin su, anit nan yenje nani, asa ikye ilaya gba gbardang, inin ta alutuk ajangaran.
“Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.
6 Idinin su niti lisosin tigo kiti nbuki, nin kiti lisosin nago nanya kutyi nlirag,
Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu.
7 nin nilip tikune nanya nkasu, anit yicu nani 'Unan yiru'.
Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.
8 Bara anung na iwa yicu munu 'Unan yiru', bara idinin nnan yiru warumari, vat mine linuanari.
“Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti.
9 Na iwa yicu unit nanya inyi Ucif mine ba, bara tidi nin Ncif warum, amere ule na adi nanya kitene kani.
Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
10 Sa iyicu munu 'Unan dursuzu', bara idinin nnan dursuzu warum, ame Kristi.
‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos.
11 Ame ulenge na adi udia nanya mine, na aso unan su munu katwa.
Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.
12 Vat nlenge na aghantina liti mye, iba toltunghe, nin vat nlenge na a toltuno liti mye iba ghantinghe.
Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.
13 Kash anughe, anan ninyerte nin na Farisiyawa, anan rusuzu nati, anung ntursu kipin tigo Kutelle kiti nanit, na anung ati mine npira ba, a na iyinna ale na idinin su pire, ipuru ba.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan. [
14 Kash anung, anan ninyerte nin na Farisiyawa, anan rusuzu nati, idin bolusu nalari nawani ale na ales mine na kuzu, inani din dursuzu ati mine kiti nlirag mijangarang bara nani iba seru uca nkul udia.
Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.]
15 Kash anung, anan ninyerte nin nafarisiyawa, bara asa idoo kurawa nin kutyin, npiziru anan dortu Kutelle, iwa se, asa ukuru itaghe aso gono nlahira nafo na anung atimine di. (Geenna g1067)
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu. (Geenna g1067)
16 Kash anung anan ninyerte nin na Farisiyawa, anung na ina woro, 'Vat nlenge na asillo nin kutyi nlirag, na imomo nari ba, vat nlenge na a sillo nin nazurfa kutyi nlirag, isillin ntere ghe.'
“Qajeelchitoota jaamota nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni kam iyyuu yoo mana qulqullummaatiin kakate, kun homaa miti; namni kam iyyuu yoo warqee mana qulqullummaatiin kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
17 Fe uduu ulalang, iyaghari katin, azurfe sa kutyi nlirag na kuna kussu fi azurfe?
Isin gowwootaa fi jaamota nana, warqee moo mana qulqullummaa kan warqee sana qulqulleessutu caala?
18 Nin nworu, vat nlenge na asillo nin bagadi na imomonari ba, bara vat nlenge na asillo nin nfillu na udi kitene, isillin in tereghe.
Akkasumas isin, ‘Namni kam iyyuu yoo iddoo aarsaatiin kakate, kun homaa miti; yoo kennaa iddoo aarsaa irra jiru sanaan kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
19 Anung anit aduu, Iyaghari katin, ufille sa ubagadi na nnere na kussu ufille?
Isin jaamota nana, kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?
20 Bara nani, vat nlenge na asillp nin nbagadi, asillo nin vat nimon ile na idi kitene nbagade.
Kanaafuu namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatii fi waan isa irra jiru hundumaan ni kakata.
21 Ame ule na asillo nin kutyi nlirag, asillo nin kunin nin nlenge na asosin nanya kunin.
Namni mana qulqullummaatiin kakatu, mana qulqullummaatii fi isa mana qulqullummaa keessa jiraatuun kakata.
22 Ame ulle na asillo nin kitene kani, asillo nin kutet tigo Kutelle ninghe ule na asoson kitene.
Namni samiidhaan kakatu, teessoo Waaqaatii fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.
23 Kash anung anan ninyerte nin na Farisiyawa, anan rusuzu nati, idin nizu uzakka vat nimon kunen, ina suna litino nimone, kidegen usu gegeme, uyitu dert, ile imonere caun isu, na iwa fillin inin ba.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture.
24 Anung aduu, fe ulenge na asa ifillo kajiji kacing, ina milla kulonkomi.
Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu.
25 Kash anung anan ninyerte nin na Farisiyawa, a sa ukusu mamal kakuk nin kishik, ina suuna nanye nin ndinon.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera.
26 Anung Afarisiyawa aduu, burno ukussu nanya kakupe nin kishik, bara uddase nan da yita lau tutun.
Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa.
27 Kash anung anan ninyerte nin na Farisiyawa, anan rusuzu nati, anung di nafo nisek nibo pert, alenge ndase idin yenju gegeme, nanye kullun nin nakuu na nan kuzu, nan nimon nsalin nlau.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti.
28 Nin nanere, asa anung ndase inuzu anit alau, udu nanye ikullun nin rusuzu nati nin kulapi.
Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.
29 Kash anung anan ninyerte nin nafarisiyawa, bara din nkye nissek na nan nliru nin nnu Kutelle, nin su nissek na nan fiu Kutelle kuyok.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu.
30 Anung sa iworo, 'Nda tiwa duku nayiri nacif bite, na tiwa munnu nanghinu nanya ngutunu nmyi, na nan nliru nin nnu Kutelle ba.'
Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu.
31 Bara nani, anung nsheida atimine, nworu anughere nono nalenge na iwa mollu anan nliru nin nnu Kutelle.
Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu.
32 Anung tutun ba kullunu kagisin kulapi nacif mine.
Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa!
33 Anung iyii abuni, inung isudun niyii, iba ti iyiziyari isortu kiti nwucu kidegen nin kilari nlah? (Geenna g1067)
“Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu? (Geenna g1067)
34 Bara nani, yenen ntoo munu anan nliru nin nnu kutelle, anit ajinjin, nin na nan ninyerte, among nanya mine iba mollu nani, ibana nani kutca, amon nanya mine iba kpizu nani nanya kutyi nlirag, ukoo nani kagbir udu kagbir.
Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.
35 Kiti minere alakin nmyi nanan fiu kutelle, mongo na iwa gutun inye, uyiru nmyi Habila unan fiu Kutelle, udu nmyi zakariya usaun Barikiya ulenge na iwa mollughe, kiyitik, kiti nlirag nin nbagadi.
Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.
36 Kidegen Meng nbellin munu, vat nile imone base kuji kone.
Ani dhuguma isinittin hima; kun hundinuu dhaloota kanatti ni dhufa.
37 Urushelima, Urushelima, fe ulenge na udin mollusu anan nliru nin nnu Kutelle, idin filisu na ina tuu nani kiti mine, iyanghari uworsu ndinin su npitirin nono fe, kiti kirum, nafo kukuru na asa pitirino nono mye, nagilit mye, bara nani, inani nari!
“Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
38 Yenen nilari mine ba lawu ni lem sa anit.
Kunoo, manni keessan onee isinii hafa.
39 Bara Meng nbellin munu, na iba kuru iyenei ba nene udu ubun, se iworo, 'Unan nmariari ule na aba dak nanya lisa Ncikilarie.'”
Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”

< Matiyu 23 >