< Uafisawa 5 >

1 Nafo nono nayi Kutellẹ.
Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa;
2 Cinan nafo ame, cinan nanya nsu nafo na Kristi nati a napka litime imon nkusu na dadu ananzang, imong kugya kuman, udu kiti Kutellẹ.
akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
3 Unozu nan nawani nan nalilime, nin dinon a kuna niyizi na iwa se nanya mine ba, nanere cha kiti nanit alau Kutellẹ.
Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.
4 Sa imon inanzan, uliru tilala, timap liyakiti to nati chaun ba. Nworo minu sun uliru nin liburi libo.
Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.
5 Yinnon na umon unan nozu na nawani sa nalilime indinon, kunaniyizi, nin nan su nimon vat, aso ule na adin dortun ncil, na aba se kiti lisosin nanya kilari tigoh in Kristi nin Kutellẹ ba.
Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.
6 Na umon wa rusuzu minu nin tigulang hem ba. Bara ille imonere tinanayyi Kutellẹ ma tolu kitenen nonon salin lanzun liru.
Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.
7 Na iwa suzu ile imon na inung din suze ba.
Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa.
8 Bara anung wang na di nanya nsirti, nene anung bdin kanaghari nanya in Cikilari. Cinan nafo nonon kanan.
Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa;
9 Bara kumat nkanang ncineari nin lau a kidegen.
iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;
10 Ussu nimon icine nbun Kutellẹ.
waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.
11 Na iwa munu achara nan ghinu kitin su katah nsirti ba. Nworu nani, puzunon nani kanang.
Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa.
12 Nnanzang nimon illenge na idin su nanya sirti na ichaun ubellu ba.
Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii.
13 Nkanang din puzunu imon vat.
Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata;
14 Bara nani ina woro, “unan moro fita, fita nanya nanan kul, Kristi ba punu nkanag me kiti me.”
kanaafis, “Ati yaa isa raftu, dammaqi; warra duʼan keessaas kaʼi; Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera.
15 Ndin bellu minu, cinan seng, na nafo alala ba, nafo ajijijn.
Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa;
16 Sung katah nin kube, bara na allenge ayire ananzanghari.
waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.
17 Na iwa so alalan ba. Yinon ille imon na Kutellẹ nin suwẹ.
Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa.
18 Na iwa son toro ba, bara asa mita unit deu, nworo nani na nfip Kutellẹ so nanya mine.
Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
19 Iliru nin nati nanya nsen nin nalali nfip milau, isuzu avu nin liru nin nibinayi mine udu kitin Cikilari.
faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;
20 Isuzu ugodiya ko kome kubi nanya nimon vat, nin lisan Cikilari Yisa Kristi udu uchife Kutellẹ.
yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
21 Inonkuzo atimine nanyan lanzu fiu in Kristi.
Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa.
22 Awani toltinon atimine kiti nales mine, nafo kitin Cikilari.
Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
23 Bara ules amere liti in wani, nafo Kristi amere liti kutin lira, amrere unan tuchu kidowo.
Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
24 Nafo na Kristiarin udya nanan bi, nanere nalilime ma yitu adidya nawani mine.
Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.
25 Anung Ales, tan usu nawani nafo na Kristi na ti usu nanan dortu me, ana litime bara inung.
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;
26 Bara anan ta nani iso lau. Ana kusu nani nin sulsunu ulau nanya nmyen ligulang.
innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
27 Anan nakpa anan dortu me kitime imon igongong, sa in dinong, sa ikpenu, sa imonimon nafon inin, na ina yita sa ndinon.
waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.
28 Nafo na in belle, na ales ti usuu nawani mine nafo atimine. Ullenge na adin suu nwani me litimere adin suwẹ.
Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.
29 Na umon sa nari kidowo me ba. Asa agyiza kinin imoli a kye kinin gegeme, nafo na Kristi din su nin nanan dortu me.
Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;
30 Bara arik tigap kidowo mere.
nu kutaalee dhagna isaatii.
31 Bara nani unit ba chinu uchiff me nin nameh amunu ninj wane, “inughe nabẹ ma so kidowo kirum.”
“Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.”
32 Nkang kidegen liyenshin kidyawa kane, ndi bellu ubelle in Kristi ari nan nanan dortu me.
Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha.
33 Vat nin nani, kogha mine na ati usuu in wani me nafo litime, uwani tutung tolting litime nbun less me.
Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

< Uafisawa 5 >