< 2 Ukorintiyawa 3 >

1 Ticizin uru nati bite tutunggha? Nati nin su nimung iyartinu runani udu kiti mine sa unuzu kiti bit ba nafo among anit ti nin suwe?
Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree?
2 Anun ati mine uyertinari uru nati bite ma uyertinari nanya nibinai bite tiyiru nin yenju nanit vat
Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma.
3 Inanin duru anughere iyertinu unuzu Krist, natinan, na ma yertin nin nimonye ba bara nanin nin fep milau Kutelle unan la, na kite ne natala ba bara nanya nibinai nanit.
Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha.
4 Ulele re taa nari tidimun kibinai likara kite nen Kutelle nanya Kristi.
Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti.
5 Na bara arikin mbatin ba nin nati bite, tida nimomong unuzu kiti bit b, bara nani indart biti Kutelleri.
Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa.
6 Ame ule na ada nanarin tibatina acinme nalikawali apese ni nanya niyart ba nani nanya ife. bara iyerte din mols, nan wan infep milau din nizu ulai,
Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
7 Nene wase katua ukul ka na sau nin niyyart kitene natalla wa daming liruu nkanang na anitin Israaila wa yenje Musaku mmuro me bara liruu nkanang mmurome, mongo na mina wulu dedei.
Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee,
8 Na katwa nkanang fep katin lane ba ning gegeme ba?
tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree?
9 nani katwa nca ukule3e nwa cau nani kanang in gbardan!
Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree!
10 Bara tutung ule na i a dak nin kanan, na iduu nin kanang mone nanya kikane ba, bara na moo nkananghe katin minin.
Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii.
11 na ile na idinin nkanang na midin katiz, ile na ina son sa liging ma yitu iyizi!
Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree!
12 Bar na tidinin nayi akon, nadinin fiu ba.
Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.
13 Na nafo Muse ule na a wa tursu umuro me nin lisa, bara na anit Israila wa yene ugongon nkanang umuro me na midin malusu ba.
Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti.
14 Baranani nibinai mine wa turdu, nin dak kitimone kjesi kune duu ketene yenju ni yerta nalikawali akus na isa puno b, bara na nanya Kristiari cas ia sa i kala mung.
Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii.
15 Bara nanin udak kitimon, awadin yenju niyert Mus, kuyasi kune duu nibinai mine.
Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga.
16 Bara unit nwa kpilu kitin Nci, kujase kone ba kalu kalu kidowo.
Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama.
17 Nene ufere mfipppe. A kuca na mfippin ncife duku asu ubalino.
Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
18 Nene vat bite, na upuno nara timuro bite tedin yenju nkanan Ncif, idin sakizu nari udu nkanang mirume unuzu mon nkanan udu minu bu, nafo na moone nuzu kitin Cifere na amere nfipe.
Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.

< 2 Ukorintiyawa 3 >