< Salmos 35 >

1 ¡Oh Yavé, contiende con los que contienden contra mí! ¡Pelea contra los que combaten contra mí!
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, warra anaan mormaniin mormi; warra na lolanis loli.
2 ¡Echa mano al escudo y al broquel, Y levántate en mi ayuda!
Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu; na gargaaruudhaafis kaʼi.
3 Saca la lanza y cierra el paso a mis perseguidores. Dí a mi alma: ¡Yo soy tu Salvación!
Warra na ariʼanitti eeboo fi bodee luqqifadhu. Lubbuu kootiinis, “Fayyinni kee ana” jedhi.
4 Sean avergonzados y confundidos Los que buscan mi vida. Sean vueltos atrás y confundidos Los que traman mi mal.
Warri lubbuu koo barbaadan, haa qaanaʼan; haa salphatanis; warri na balleessuuf mariʼatanis, abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan.
5 Sean como la cáscara de grano arrebatada por el viento, Y acóselos el Ángel de Yavé.
Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
6 Sea su camino tenebroso y resbaladizo, Y el Ángel de Yavé los persiga.
Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
7 Porque sin causa me tendieron su red, Sin motivo cavaron fosa para mi vida.
Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii na dura kaaʼaniiruutii; sababii malees boolla naa qotaniiru;
8 Véngale destrucción inesperada. Atrápelo la red que él mismo tendió, Y caiga en ella con igual destrucción.
utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu; kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu; boolluma qote sanattis haa kufu.
9 Mi alma se deleitará en Yavé. Se regocijará en su salvación.
Yoos lubbuun ko, Waaqayyotti gammaddi; fayyisuu isaattis ni ililchiti.
10 Todos mis huesos dirán: Oh Yavé, ¿quién como Tú, Que libras al débil del que es demasiado fuerte para él, Y al pobre y menesteroso del que lo despoja?
Lafeen koo hundi akkana siin jedha: “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu? Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta; hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.”
11 Se levantan testigos falsos De lo que no sé me preguntan.
Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan; waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu.
12 Me devuelven mal por bien Para desolación a mi alma.
Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu; lubbuu koos kophaatti hambisu.
13 Yo en cambio, al estar ellos enfermos, Me vestía de ropa áspera Y afligía mi alma con ayuno, Hasta que mi súplica a favor de ellos me era concedida.
Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti, wayyaa gaddaa nan uffadhe; lubbuu koos soomaan nan miidhe. Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis
14 Como por mi amigo o hermano actuaba, Como el que llora por su madre, Afligido me humillaba.
ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti, gaddaan asii fi achi deddeebiʼe. Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis, gaddaan mataa koo nan buuse.
15 Pero ellos, en mi adversidad se alegraron, Y se reunieron contra mí. Atacantes se reunieron contra mí, Y yo no lo entendía. Me despedazaban sin cesar.
Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman; utuu ani hin beekin na marsan; utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan.
16 Como profanos burladores en las fiestas Rechinaron contra mí sus dientes.
Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan; ilkaan isaanii illee natti qaratan.
17 Oh ʼAdonay, ¿hasta cuándo consentirás esto? ¡Libra mi vida de sus destrucciones, Mi única vida de los leones!
Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta? Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa, jireenya koos leenca jalaa baasi.
18 Yo te daré gracias en la gran congregación, Te alabaré entre un pueblo numeroso.
Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha; tuuta guddaa keessatti sin jajadha.
19 No se alegren de mí los que sin causa son mis enemigos, Ni guiñan el ojo los que me aborrecen sin causa.
Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin; warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin.
20 Por cuanto no hablan de paz, Sino inventan palabras calumniosas contra los mansos de la tierra.
Isaan nagaa hin dubbatan; warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis, mala sobaa malatu.
21 Ensanchan su boca contra mí, y dicen:
Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine” jedhanii afaan natti banatu.
22 ¡Oh Yavé, Tú lo viste! ¡No calles! ¡Oh ʼAdonay, no estés lejos de mí!
Yaa Waaqayyo, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin. Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin.
23 ¡Despierta y levántate a hacer justicia, ʼElohim mío y ʼAdonay mío!
Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif, dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi!
24 Júzgame conforme a tu justicia, oh Yavé ʼElohim mío, Que no se alegren ellos de mí.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi; akka isaan natti gammadanis hin godhin.
25 No digan ellos en su corazón: ¡Ajá, aquí está lo que queríamos! No digan: ¡Lo devoramos!
Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan, yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin.
26 Sean avergonzados y confundidos juntos Los que de mi mal se alegran. Vístanse de vergüenza y deshonor Los que se engrandecen sobre mí.
Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri natti kooran hundinuus, qaanii fi salphina haa uffatan.
27 Canten de júbilo y alégrense los que favorecen mi justicia, Y digan continuamente: ¡Engrandecido sea Yavé, Quien se complace en la prosperidad de su esclavo!
Warri qajeelumma koo jaallatan, sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis. Isaan yeroo hunda, “Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu guddaa dha” haa jedhan.
28 Mi lengua hablará de tu justicia y de tu alabanza todo el día.
Arrabni koo qajeelummaa kee, guyyaa guutuus galata kee odeessa.

< Salmos 35 >