< مزامیر 1 >

خوشابحال کسی‌که به مشورت شریران نرود و به راه گناهکاران نایستد، و درمجلس استهزاکنندگان ننشیند؛ ۱ 1
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
بلکه رغبت اودر شریعت خداوند است و روز و شب درشریعت او تفکر می‌کند. ۲ 2
Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
پس مثل درختی نشانده نزد نهرهای آب خواهد بود، که میوه خودرا در موسمش می‌دهد، و برگش پژمرده نمی گردد و هر‌آنچه می‌کند نیک انجام خواهدبود. ۳ 3
Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
شریران چنین نیستند، بلکه مثل کاهند که بادآن را پراکنده می‌کند. ۴ 4
Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
لهذا شریران در داوری نخواهند ایستاد و نه گناهکاران در جماعت عادلان. ۵ 5
Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
زیرا خداوند طریق عادلان را می‌داند، ولی طریق گناهکاران هلاک خواهد شد. ۶ 6
Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.

< مزامیر 1 >