< عبرانیان 2 >

لهذا لازم است که به دقت بلیغ تر آنچه راشنیدیم گوش دهیم، مبادا که از آن ربوده شویم. ۱ 1
Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna.
زیرا هر گاه کلامی که بوساطت فرشتگان گفته شد برقرار گردید، بقسمی که هر تجاوز وتغافلی را جزای عادل می‌رسید، ۲ 2
Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii,
پس ما چگونه رستگار گردیم اگر از چنین نجاتی عظیم غافل باشیم؟ که در ابتدا تکلم به آن از خداوند بود و بعدکسانی که شنیدند، بر ما ثابت گردانیدند؛ ۳ 3
yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame.
درحالتی که خدا نیز با ایشان شهادت می‌داد به آیات و معجزات و انواع قوات و عطایای روح‌القدس برحسب اراده خود. ۴ 4
Waaqni mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera.
زیرا عالم آینده‌ای را که ذکر آن را می‌کنیم مطیع فرشتگان نساخت. ۵ 5
Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana ergamoota jala hin galchine.
لکن کسی در موضعی شهادت داده، گفت: «چیست انسان که او را بخاطرآوری یا پسر انسان که از او تفقد نمایی؟ ۶ 6
Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
او را ازفرشتگان اندکی پست‌تر قرار دادی و تاج جلال واکرام را بر سر او نهادی و او را بر اعمال دستهای خود گماشتی. ۷ 7
Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde.
همه‌چیز را زیر پایهای اونهادی.» پس چون همه‌چیز را مطیع او گردانید، هیچ‌چیز را نگذاشت که مطیع او نباشد. لکن الان هنوز نمی بینیم که همه‌چیز مطیع وی شده باشد. ۸ 8
Waan hundas miilla isaa jala galchite.” Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu.
اما او را که اندکی از فرشتگان کمتر شد می‌بینیم، یعنی عیسی را که به زحمت موت تاج جلال واکرام بر سر وی نهاده شد تا به فیض خدا برای همه ذائقه موت را بچشد. ۹ 9
Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina.
زیرا او را که بخاطروی همه و از وی همه‌چیز می‌باشد، چون فرزندان بسیار را وارد جلال می‌گرداند، شایسته بود که رئیس نجات ایشان را به دردها کامل گرداند. ۱۰ 10
Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture.
زانرو که چون مقدس کننده و مقدسان همه از یک می‌باشند، از این جهت عار ندارد که ایشان را برادر بخواند. ۱۱ 11
Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Yesuus obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu.
چنانکه می‌گوید: «اسم تو را به برادران خود اعلام می‌کنم و در میان کلیساتو را تسبیح خواهم خواند.» ۱۲ 12
Inni, “Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha” jedha.
و ایض: «من بروی توکل خواهم نمود.» و نیز: «اینک من وفرزندانی که خدا به من عطا فرمود.» ۱۳ 13
Akkasumas, “Ani isa nan amanadha” jedha. Ammas inni, “Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti” jedha.
پس چون فرزندان در خون و جسم شراکت دارند، او نیز همچنان در این هر دو شریک شد تابوساطت موت، صاحب قدرت موت یعنی ابلیس را تباه سازد، ۱۴ 14
Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;
و آنانی را که از ترس موت، تمام عمر خود را گرفتار بندگی می‌بودند، آزاد گرداند. ۱۵ 15
innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
زیرا که در حقیقت فرشتگان را دستگیری نمی نماید بلکه نسل ابراهیم را دستگیری می‌نماید. ۱۶ 16
Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti.
از این جهت می‌بایست در هر امری مشابه برادران خود شود تا در امور خدا رئیس کهنه‌ای کریم و امین شده، کفاره گناهان قوم رابکند. ۱۷ 17
Kanaafuu inni Waaqa tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture.
زیرا که چون خود عذاب کشیده، تجربه دید استطاعت دارد که تجربه شدگان را اعانت فرماید. ۱۸ 18
Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.

< عبرانیان 2 >