< عبرانیان 13 >

محبت برادرانه برقرار باشد؛ ۱ 1
Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa.
و ازغریب‌نوازی غافل مشوید زیرا که به آن بعضی نادانسته فرشتگان را ضیافت کردند. ۲ 2
Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
اسیران را بخاطر آرید مثل همزندان ایشان، ومظلومان را چون شما نیز در جسم هستید. ۳ 3
Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
نکاح به هر وجه محترم باشد و بسترش غیرنجس زیرا که فاسقان و زانیان را خدا داوری خواهد فرمود. ۴ 4
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
سیرت شما از محبت نقره خالی باشد و به آنچه دارید قناعت کنید زیرا که او گفته است: «تو را هرگز رها نکنم و تو را ترک نخواهم نمود.» ۵ 5
Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
بنابراین ما با دلیری تمام می‌گوییم: «خداوند مددکننده من است و ترسان نخواهم بود. انسان به من چه می‌کند؟» ۶ 6
Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.
مرشدان خود را که کلام خدا را به شما بیان کردند بخاطر دارید و انجام سیرت ایشان راملاحظه کرده، به ایمان ایشان اقتدا نمایید. ۷ 7
Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.
عیسی مسیح دیروز و امروز و تا ابدالاباد همان است. (aiōn g165) ۸ 8
Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma. (aiōn g165)
از تعلیمهای مختلف و غریب از جا برده مشوید، زیرا بهتر آن است که دل شما به فیض استوار شود و نه به خوراکهایی که آنانی که در آنهاسلوک نمودند، فایده نیافتند. ۹ 9
Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.
مذبحی داریم که خدمت گذاران آن خیمه، اجازت ندارند که از آن بخورند. ۱۰ 10
Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna.
زیرا که جسدهای آن حیواناتی که رئیس کهنه خون آنهارا به قدس‌الاقداس برای گناه می‌برد، بیرون ازلشکرگاه سوخته می‌شود. ۱۱ 11
Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama.
بنابراین، عیسی نیزتا قوم را به خون خود تقدیس نماید، بیرون دروازه عذاب کشید. ۱۲ 12
Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.
لهذا عار او را برگرفته، بیرون از لشکرگاه به سوی او برویم. ۱۳ 13
Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu.
زانرو که در اینجا شهری باقی نداریم بلکه آینده را طالب هستیم. ۱۴ 14
Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
پس بوسیله او قربانی تسبیح را به خدابگذرانیم، یعنی ثمره لبهایی را که به اسم او معترف باشند. ۱۵ 15
Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
لکن از نیکوکاری و خیرات غافل مشوید، زیرا خدا به همین قربانی‌ها راضی است. ۱۶ 16
Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
مرشدان خود را اطاعت و انقیاد نمایید زیراکه ایشان پاسبانی جانهای شما را می‌کنند، چونکه حساب خواهند داد تا آن را به خوشی نه به ناله به‌جا آورند، زیرا که این شما را مفید نیست. ۱۷ 17
Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
برای ما دعا کنید زیرا ما را یقین است که ضمیر خالص داریم و می‌خواهیم در هر امر رفتارنیکو نماییم. ۱۸ 18
Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.
و بیشتر التماس دارم که چنین کنید تا زودتر به نزد شما باز آورده شوم. ۱۹ 19
Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa.
پس خدای سلامتی که شبان اعظم گوسفندان یعنی خداوند ما عیسی را به خون عهدابدی از مردگان برخیزانید، (aiōnios g166) ۲۰ 20
Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, (aiōnios g166)
شما را در هر عمل نیکو کامل گرداناد تا اراده او را به‌جا آورید وآنچه منظور نظر او باشد، در شما بعمل آوردبوساطت عیسی مسیح که او را تا ابدالاباد جلال باد. آمین. (aiōn g165) ۲۱ 21
akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
لکن‌ای برادران از شما التماس دارم که این کلام نصیحت‌آمیز را متحمل شوید زیرامختصری نیز به شما نوشته‌ام. ۲۲ 22
Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha.
بدانید که برادرما تیموتاوس رهایی یافته است و اگر زود آید، به اتفاق او شما را ملاقات خواهم نمود. ۲۳ 23
Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa.
همه مرشدان خود و جمیع مقدسین راسلام برسانید؛ و آنانی که از ایتالیا هستند، به شماسلام می‌رسانند. ۲۴ 24
Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu.
همگی شما را فیض باد. آمین. ۲۵ 25
Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.

< عبرانیان 13 >