< دوم قرنتیان 13 >

این مرتبه سوم نزد شما می‌آیم. به گواهی دو سه شاهد، هر سخن ثابت خواهد شد. ۱ 1
Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.”
پیش گفتم و پیش می‌گویم که گویادفعه دوم حاضر بوده‌ام، هرچند الان غایب هستم، آنانی را که قبل از این گناه کردند و همه دیگران را که اگر بازآیم، مسامحه نخواهم نمود. ۲ 2
Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu;
چونکه دلیل مسیح را که در من سخن می‌گویدمی جویید که او نزد شما ضعیف نیست بلکه درشما تواناست. ۳ 3
kunis isin akka Kiristoos karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti.
زیرا هرگاه از ضعف مصلوب گشت، لیکن از قوت خدا زیست می‌کند. چونکه ما نیز در وی ضعیف هستیم، لیکن با او از قوت خدا که به سوی شما است، زیست خواهیم کرد. ۴ 4
Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Waaqaatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Waaqaatiin isa wajjin ni jiraanna.
خود را امتحان کنید که در ایمان هستید یا نه. خود را باز‌یافت کنید. آیا خود را نمی شناسید که عیسی مسیح در شما است اگر مردود نیستید؟ ۵ 5
Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?
اما امیدوارم که خواهید دانست که ما مردودنیستیم. ۶ 6
Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana.
و از خدا مسالت می‌کنم که شما هیچ بدی نکنید، نه تا ظاهر شود که ما مقبول هستیم، بلکه تا شما نیکویی کرده باشید، هرچند ما گویامردود باشیم. ۷ 7
Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Waaqa kadhanna. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti.
زیرا که هیچ نمی توانیم به خلاف راستی عمل نماییم بلکه برای راستی. ۸ 8
Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii.
وشادمانیم وقتی که ما ناتوانیم و شما توانایید. و نیزبرای این دعا می‌کنیم که شما کامل شوید. ۹ 9
Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; kadhannaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif.
ازاینجهت این را در غیاب می‌نویسم تا هنگامی که حاضر شوم، سختی نکنم بحسب آن قدرتی که خداوند بجهت بنا نه برای خرابی به من داده است. ۱۰ 10
Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef.
خلاصه‌ای برادران شاد باشید؛ کامل شوید؛ تسلی پذیرید؛ یک رای و با سلامتی بوده باشید و خدای محبت و سلامتی با شما خواهدبود. ۱۱ 11
Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.
یکدیگر را به بوسه مقدسانه تحیت نمایید. ۱۲ 12
Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
جمیع مقدسان به شما سلام می‌رسانند. ۱۳ 13
Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu.
فیض عیسی خداوند و محبت خدا وشرکت روح‌القدس با جمیع شما باد. آمین. ۱۴ 14
Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

< دوم قرنتیان 13 >