< Zakkaariyaas 10 >

1 Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa; bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha. Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf, biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna. 2 Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; raajonni mulʼata sobaa argu; isaan abjuu sobaa namatti himu; waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee hacuucamee asii fi achi joora. 3 “Aariin koo tiksootatti bobaʼeera; ani reʼoota nan adaba; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata; lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa. 4 Yihuudaa keessaa dhagaan golee, isa keessaa qofoon dunkaanaa, isa keessaa iddaan lolaa, isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa. 5 Isaan akkuma namoota jajjaboo waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu. Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu. 6 “Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa; mana Yoosefis nan oolcha. Ani waanan garaa isaaniif laafuuf deebisee isaan nan dhaaba. Isaan akkuma waan ani duraanuu isaan hin gatinii taʼu; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti; deebiis isaaniif nan kenna. 7 Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu; garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada. Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu; garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada. 8 Ani siiqsee walitti isaan nan qaba. Ani dhugumaan isaan nan fura; isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu. 9 Yoo ani saboota gidduutti isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu; ni deebiʼus. 10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida; Asoor keessaas walittin isaan qaba. Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida; iddoon isaan gaʼus hin argamu. 11 Inni galaana rakkinaa keessa darba; dhaʼaa galaanaas ni rukuta; tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu. Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa; bokkuun mootummaa Gibxis ni bada. 12 Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa; isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu” jedha Waaqayyo.

< Zakkaariyaas 10 >