< Weedduu 1 >

1 Weedduu Weeddotaa Solomoon. 2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii. 3 Urgaan shittoo keetii namatti tola; maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. Kanaafuu dubarran si jaallatu! 4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. Michoota Nu sitti gammannee ililchina; jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. Ishee Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha! 5 Intallan Yerusaalem, ani akkuma dunkaana Qeedaar, akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; garuu bareedduu dha. 6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; aduutu na gurraachesseetii. Ilmaan haadha koo natti aaranii akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne. 7 Yaa isa ani si jaalladhu, iddoo bushaayee kee tikfattuu fi iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa? 8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; ilmoolee reʼoota keetiis dunkaana tiksootaa bira tikfadhu. 9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala. 10 Maddiin kee amartii gurraatiin, mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera. 11 Nu warqee gurraa meetiidhaan wal make siif tolchina. 12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu shittoon koo urgaa isaa kenne. 13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; inni guntuta koo gidduu boqota. 14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha. 15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! Dinqii akkam bareedda! Iji kee gugee fakkaata. 16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii akkam namatti tolta! Margi lalisaan siree keenya. 17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.

< Weedduu 1 >