< Roomaa 15 >

1 Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu. 2 Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna. 3 Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha. 4 Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii. 5 Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru. 6 Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif. 7 Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa. 8 Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii; 9 kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma, “Kanaafuu ani Namoota Ormaa gidduutti sin jajadha; maqaa keetiifis nan faarfadha” jedhamee barreeffamee dha. 10 Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, isin saba isaa wajjin gammadaa” jedha. 11 Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, hundi keessan Gooftaa jajadhaa; namoonni hundinuus faarfannaadhaan isa leellisaa” jedha. 12 Akkasumas Isaayyaas, “Hiddi Isseey kan saboota bulchuuf kaʼu tokko ni dhufa; Namoonni Ormaas isa abdatu” jedha. 13 Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu. 14 Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera. 15 Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera; 16 kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf. 17 Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona. 18 Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu; 19 kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera. 20 Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera. 21 Kunis isa, “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu; warri hin dhagaʼinis ni hubatu” jedhamee barreeffamee dha. 22 Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma. 23 Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef, 24 yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha. 25 Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira. 26 Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii. 27 Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti. 28 Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa. 29 Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka. 30 Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha. 31 Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa; 32 kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf. 33 Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.

< Roomaa 15 >