< Faarfannaa 99 >

1 Waaqayyo moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu. 2 Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha; inni saboota hunda irra ol ol jedheera. 3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; inni qulqulluu dha. 4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; ati tola hundeessiteerta; Yaaqoob keessattis haqaa fi qajeelummaa hojjetteerta. 5 Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha. 6 Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; isaan Waaqayyoon waammatan; innis deebii kenneef. 7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan. 8 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, ati deebii isaanii kennite; ati balleessaa isaanii adabdu illee, Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte. 9 Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.

< Faarfannaa 99 >