< Faarfannaa 96 >

1 Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
KAKAULEKI on Ieowa kaul kap pot, jap karoj en kakauli on Ieowa!
2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
Kakaul on Ieowa o kapina mar a; padapadak jan eu ran lel eu duen a maur!
3 Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Kajokajoi on men liki kan wau i, o on wei kan a manaman akan!
4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
Pwe Ieowa meid lapalap o meid kapinan, o meid kalom mon kot akan karoj.
5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
Pwe Kot en aramaj akan me mal a Ieowa kotin kapikadar lan akan.
6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
Wau o linan mi mon jilan i, manaman o linan kin kadirela nan tanpaj a im jaraui.
7 Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
Komail men liki kan, ki on Ieowa, ki on Ieowa linan o manaman.
8 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
Komail ki on Ieowa linan en mar a; komail ko don mon japwilim a pera jaraui ianaki kijakij.
9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
Komail kaudoki on Ieowa ni omail kapwat jaraui, toun jappa karoj en majak i.
10 Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa; addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
Komail kaireki on men liki kan: Ieowa ta Nanmarki! Pil jappa me teneten o jota pan mokimokid. A pan kotin kaunda kainok kan ni tiak pun.
11 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
Lan en peren kida, o jappa en popol; madau en nirnirjok o audepa!
12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan. Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
Jap en pereperen o audepa karoj, o tuka en nan wei karoj en nijinij.
13 Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii; inni lafatti murteessuuf ni dhufa. Addunyaatti qajeelummaadhaan, sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.
On Ieowa, ni a kotido, ni a kotido, en kadeikada jappa. A pan kotin kaunda jappa ni tiak pun, o kainok kan ni a melel.

< Faarfannaa 96 >