< Faarfannaa 95 >

1 Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa. 2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu. 3 Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha. 4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti. 5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume. 6 Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa; 7 inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan, 8 akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa; 9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan. 10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen. 11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.

< Faarfannaa 95 >