< Faarfannaa 87 >

1 Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira. 2 Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, karrawwan Xiyoon jaallata. 3 Yaa magaalaa Waaqaa, waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama: 4 “Ani Raʼaabii fi Baabilonin warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.” 5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon, “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama. 6 Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa. 7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.

< Faarfannaa 87 >