< Faarfannaa 78 >

1 Maskiilii Asaaf. Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa; dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
A maskil of Asaph. My people, attend to my teaching: bend your ears to the words of my mouth,
2 Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
as I open my mouth in a poem on the riddling story of the past.
3 Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
What we have heard and known, and what our ancestors have told us,
4 Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna.
we will not hide from their children. We will tell to the next generation the praises and might of the Lord, and the wonders that he has done.
5 Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; Israaʼeliif immoo seera kenne; waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif, abbootii keenya ajaje;
He set up a testimony in Jacob, a law he appointed in Israel, which he commanded our ancestors to make known to their children,
6 kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
that the next generation should know it, that the children yet to be born should arise and tell their children;
7 Yoos isaan Waaqa amanatu; ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
that in God they might put their confidence, and not forget God’s works; but that they might keep his commandments,
8 Isaan akka abbootii isaanii, akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
and not be like their ancestors, a generation defiant and stubborn, a generation with heart unsteady, and spirit unfaithful towards God.
9 Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan; taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
Ephraimites, armed bowmen, turned back in the day of battle.
10 Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
They did not keep God’s covenant, they refused to walk in his law.
11 Isaan hojii inni hojjete, dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
They forgot what he had done, and the wonders he had shown them.
12 Inni fuula abbootii isaanii duratti, biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
He did wonders before their ancestors in the country of Zoan in Egypt.
13 Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse; bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
Through the sea which he split he brought them, making waters stand up like a heap;
14 Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
he led them by day with a cloud, all the night with a light of fire.
15 Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
From the rocks which he split in the wilderness, he gave them to drink as of ocean’s abundance.
16 Kattaa keessaa burqaa burqisiisee akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.
He brought streams out of the rock, and made water run down like rivers.
17 Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
Yet they still went on sinning against him, they defied the Most High in the desert.
18 Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan beekumsa Waaqaa qoran.
They wilfully challenged God, demanding the food that they longed for.
19 Akkana jedhanii Waaqa hamatan; “Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
‘Is God able,’ such was their challenge, ‘to spread in the desert a table?
20 Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe; burqaan guutee irraan dhangalaʼe. Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa? Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
From the rock that he struck there gushed water, and torrents that overflowed; but can he also give bread, or provide his people with meat?’
21 Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare; Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame; dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
When the Lord heard this, he was furious, and fire was kindled on Jacob, anger flared up against Israel.
22 isaan Waaqa hin amananneetii; fayyisuu isaattis hin amanne.
For they put no trust in God, no confidence in his help.
23 Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne; balbala samiis ni bane;
So he summoned the clouds above; and, opening the doors of heaven,
24 akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; midhaan samiis isaaniif kenne.
he rained manna upon them for food, and grain of heaven he gave them.
25 Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
Everyone ate the bread of angels; he sent them food to the full.
26 Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe; bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
He launched the east wind in the heavens, and guided the south by his power.
27 Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
He rained meat upon them like dust, winged bird like the sand of the sea.
28 Innis akka isaan qubata isaanii keessatti naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
In the midst of their camp he dropped it, all around their tents.
29 Isaanis nyaatanii quufan; inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
They ate and were more than filled; he had brought them the thing they desired.
30 Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin, utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
But the thing they desired became loathsome: while their food was still in their mouths,
31 dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe; innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate; dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.
the wrath of God rose against them. He slew the stoutest among them, and laid low the young men of Israel.
32 Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan; dinqii isaattis hin amanne.
Yet for all this they sinned yet more, and refused to believe in his wonders.
33 Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu, akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
So he ended their days in a breath, and their years in sudden dismay.
34 Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu, isaan isa barbaaddatan; isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
When he slew them, then they sought after him, they turned and sought God with diligence.
35 Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe, akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
They remembered that God was their rock, and the Most High God their redeemer.
36 Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan; arraba isaaniitiinis isa soban;
But they flattered him with their mouth, and lied to him with their tongue.
37 garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre; isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
Their heart was not steady with him, they were faithless to his covenant.
38 Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef, cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne. Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate; dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
But he is full of pity: he pardons sin and destroys not. Often he turns his anger away, without stirring his wrath at all.
39 Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.
So he remembered that they were but flesh, breath that passes and does not return.
40 Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
But how often they rebelled in the desert, and caused him grief in the wilderness,
41 Isaan ammumaa amma Waaqa qoran; Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
tempting God again and again, provoking the Holy One of Israel.
42 Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
They did not remember his strength, nor the day he redeemed from the foe,
43 Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa, kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
how he set his signs in Egypt, in the country of Zoan his wonders.
44 Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare; isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
He turned their canals into blood, their streams undrinkable.
45 Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu, fattee isaan barbadeessu itti erge.
He sent forth flies, which devoured them; frogs, too, which destroyed them.
46 Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif, buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
Their crops he gave to the caterpillar, and the fruits of their toil to the locust.
47 Muka wayinii isaanii cabbiidhaan, harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
He slew their vines with hail, and their sycamore trees with frost.
48 Loon isaanii cabbiif, horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
He delivered their cattle to the hail, and their flocks to bolts of fire.
49 Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
He let loose his hot anger among them, fury and wrath and distress, a band of destroying angels.
50 Inni aarii isaatiif daandii qopheesse; lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee duʼa isaan hin oolchine.
He cleared a path for his anger, did not spare them from death, but gave them over to pestilence.
51 Hangafoota Gibxi hunda, ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
He struck down all the firstborn in Egypt, the first fruits of their strength in the tents of Ham.
52 Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
He led forth his people like sheep, he was guide to his flock in the desert.
53 Inni nagaadhaan isaan geggeesse; kanaafuu isaan homaa hin sodaanne; diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
Securely he led them, and free from fear, while their foes were drowned in the sea.
54 Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti, gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
To his holy realm he brought them, to the mountain his right hand had purchased.
55 Inni ormoota isaan duraa ariʼe; lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode; gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.
He drove out the nations before them, and allotted their land for possession, and their tents for Israel to live in.
56 Isaan garuu Waaqa qoran; Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ajaja isaas hin eegne.
Yet they tempted and angered the Most High God, they did not observe his decrees.
57 Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan; akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
They drew back, false like their ancestors; they failed like a treacherous bow.
58 Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
Their shrines stirred him to anger, their idols moved him to jealousy.
59 Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
When God heard of this, he was furious, and he spurned Israel utterly.
60 Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa, dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
He abandoned his home in Shiloh, the tent he had pitched among people.
61 Humna isaa boojuutti, ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
He gave his strength up to captivity, his glory to the hands of the foe.
62 Saba isaa dabarsee goraadeef kenne; handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
He gave his people to the sword, he was furious with his own.
63 Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe; durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
Fire devoured their young men, and their maidens had no marriage-song.
64 luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman; niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.
Their priests fell by the sword, and their widows could not weep.
65 Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti, akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
Then the Lord awoke as from sleep, like a warrior flushed with wine;
66 Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise; qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
and he beat back his foes, putting them to perpetual scorn.
67 Dunkaanota Yoosef ni tuffate; gosa Efreemis hin filanne;
He disowned the tent of Joseph, he rejected the tribe of Ephraim;
68 inni garuu gosa Yihuudaa, Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
but he chose the tribe of Judah, Mount Zion, which he loves.
69 Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti, akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
And he built like the heights his sanctuary, like the earth which he founded forever.
70 Inni Daawit garbicha isaa ni filate; dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
And he chose David his servant, taking him from the sheepfolds.
71 akka inni saba isaa Yaaqoobin, handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee hoolota tiksuu irraa isa fide.
From the mother-ewes he brought him, to be shepherd to Jacob his people, and to Israel his inheritance.
72 Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.
With upright heart did he shepherd them, and with skilful hands did he guide them.

< Faarfannaa 78 >