< Faarfannaa 73 >

1 Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha. 2 Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture. 3 Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii. 4 Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas. 5 Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman. 6 Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu. 7 Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu. 8 Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu. 9 Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala. 10 Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga. 11 Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu. 12 Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu. 13 Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa! 14 Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera. 15 Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture. 16 Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe. 17 Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe. 18 Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte. 19 Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan! 20 Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita. 21 Yommuu lubbuun koo gadditee onneen koos waraanamtetti, 22 ani gowwaa fi wallaalaan ture; fuula kee durattis akka horii nan taʼe. 23 Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda. 24 Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita. 25 Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu. 26 Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo. 27 Warri sirraa fagoo jiran ni badu; atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita. 28 Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera; ani hojii kee hunda nan labsa.

< Faarfannaa 73 >