< Faarfannaa 72 >

1 Faarfannaa Solomoon. Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf, qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni. 2 Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna. 3 Tulluuwwan badhaadhummaa, gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan. 4 Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa. 5 Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti, dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu. 6 Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu, akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa. 7 Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara; nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata. 8 Innis galaanaa hamma galaanaatti, Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha. 9 Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu; diinonni isaas biyyoo arraabu. 10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf. 11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu; saboonni hundinuus isa ni tajaajilu. 12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii. 13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa. 14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii. 15 Umuriin isaa haa dheeratu; warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; guyyaa guutuus isa haa eebbisan. 16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu; fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu. Iji isaa akka Libaanoon haa tolu; akka marga lafaas haa misu. 17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu; Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu. Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu; jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu. 18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu, Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu. 19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu. 20 Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.

< Faarfannaa 72 >