< Faarfannaa 66 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa! 2 Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; galata isaatiifis ulfina kennaa! 3 Waaqaan akkana jedhaa; “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! Sababii humni kee guddaa taʼeef, diinonni kee fuula kee duratti hollatu. 4 Lafti hundinuu siif sagadu; faarfannaa galataa siif faarfatu; maqaa keetiifis faarfatu.” 5 Kottaatii waan Waaqni hojjete, hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa! 6 Inni galaana lafa gogaatti geeddare; isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; kottaa isatti haa gammannu! 7 Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; iji isaas saboota ilaala; finciltoonni ol ol of hin qabin. 8 Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu; 9 inni lubbuu keenya jiraachiseera; miilla keenyas mucucaachuu oolcheera. 10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta. 11 Ati kiyyootti nu galchiteerta; dugda keenya irras baʼaa keesseerta. 12 Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde. 13 Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha; 14 kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha. 15 Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa. 16 Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima. 17 Ani afaan kootiin isatti nan iyye; galanni isaas arraba koo irra ture. 18 Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture; 19 Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera. 20 Waaqni kadhannaa koo hin didin yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!

< Faarfannaa 66 >