< Faarfannaa 65 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; wareegni keenyas siif galfama. 2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, namni hundinuu gara kee ni dhufa. 3 Yeroo cubbuun na moʼattetti, ati yakka keenya nuu dhiifteerta. 4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna. 5 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita; daarii lafaa hundumaaf, galaana fagootti argamuufis ati abdii dha; 6 ati humna uffatteerta; jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite; 7 ati huursaa galaanaa, huursaa dhaʼaa bishaanii, raafama uummataas ni calʼisiifte. 8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota. 9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; akka malees ni gabbifta; akka namootaaf midhaan kennaniifis lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; ati kanumaaf qopheessiteertaatii. 10 Boʼoo isaa bishaan quubsita; biyyoo isaas wal qixxeessita; tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; biqila isaas ni eebbifta. 11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; daandiiwwan kees cooma coccobsu. 12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; gaarranis gammachuudhaan guutamu. 13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; sululoonni midhaaniin haguugamu; isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.

< Faarfannaa 65 >