< Faarfannaa 62 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti; fayyinni koos isa biraa naa dhufa. 2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu. 3 Isin hamma yoomiitti nama miitu? Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti, akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu? 4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa, guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu; isaan sobatti ni gammadu. Afaan isaaniitiin ni eebbisu; garaa isaaniitiin garuu ni abaaru. 5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii. 6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu. 7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira; kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa. 8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii. 9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti; gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma; yoo madaaliidhaan madaalaman lachanuu qilleensa caalaa salphatu. 10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa. 11 Waaqni yeroo tokko dubbate; ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe; kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha. 12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti. Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.

< Faarfannaa 62 >