< Faarfannaa 4 >

1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. Yaa Waaqa qajeelumma kootii, yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi. 2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu? 3 Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa. 4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; yommuu siree keessan irra jirtanitti, garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas. 5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; Waaqayyonis amanadhaa. 6 Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu. 7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta. 8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; yaa Waaqayyo si qofatu, sodaa malee na jiraachisaatii.

< Faarfannaa 4 >