< Faarfannaa 36 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo. Ani waaʼee cubbamootaa, ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru. 2 Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu. 3 Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru. 4 Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan. 5 Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa. 6 Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta. 7 Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu. 8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta. 9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; nu ifa keetiin ifa argina. 10 Jaalala kee warra si beekaniif, qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi. 11 Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; harki hamootaas dhiibee na hin fageessin. 12 Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!

< Faarfannaa 36 >