< Faarfannaa 32 >

1 Faarfannaa Daawit. Maskiil. Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha. 2 Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha. 3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin, lafeen koo ni bosose. 4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame. 5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta. 6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu. 7 Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita. 8 Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. 9 Isin akka farda yookaan gaangoo hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee gara kee hin dhufan. 10 Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa. 11 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.

< Faarfannaa 32 >