< Faarfannaa 28 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha; ati na jalaa hin didin. Yoo ati na jalaa didde, ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa. 2 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee gara Iddoo Qulqullummaa kee kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi. 3 Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin, warra garaa isaaniitti hammina qabatanii olloota isaanii wajjin garuu nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin. 4 Akka hojii isaaniitti, akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif; akkuma hojii harka isaaniitti kenniif; gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi. 5 Sababii isaan hojii Waaqayyoo, yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef inni isaan diiga; deebisees isaan hin ijaaru. 6 Waaqayyo haa eebbifamu! Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii. 7 Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha. 8 Waaqayyo jabina saba isaa ti; dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti. 9 Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.

< Faarfannaa 28 >