< Faarfannaa 25 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti ol nan qaba.
(Af David.) HERRE, jeg løfter min sjæl til dig
2 Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. Ati na hin qaanessin; akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
min Gud jeg stoler på dig, lad mig ikke beskæmmes, lad ej mine Fjender fryde sig over mig.
3 Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
Nej, ingen som bier på dig, skal beskæmmes; beskæmmes skal de, som er troløse uden Grund.
4 Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi;
Lad mig kende dine Veje, HERRE lær mig dine Stier.
5 ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
Led mig på din Sandheds Vej og lær mig, thi du er min Frelses Gud; jeg bier bestandig på dig.
6 Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
HERRE, kom din Barmhjertighed i Hu og din Nåde, den er jo fra Evighed af.
7 Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
Mine Ungdomssynder og Overtrædelser komme du ikke i Hu, men efter din Miskundhed kom mig i Hu, for din Godheds Skyld, o HERRE!
8 Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas; kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
God og oprigtig er HERREN, derfor viser han Syndere Vejen.
9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.
Han vejleder ydmyge i det, som er ret, og lærer de ydmyge sin Vej.
10 Karaan Waaqayyoo hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
Alle HERRENs Stier er Miskundhed og Trofasthed for dem, der holder hans Pagt og hans Vidnesbyrd.
11 Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
For dit Navns Skyld, HERRE, tilgive du min Brøde, thi den er stor.
12 Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
Om nogen frygter HERREN, ham viser han den Vej, han skal vælge;
13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; sanyiin isaas lafa dhaala.
selv skal han leve i Lykke og hans Sæd få Landet i Eje.
14 Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; kakuu isaa illee isaan beeksisa.
Fortroligt Samfund har HERREN med dem, der frygter ham, og han kundgør dem sin Pagt.
15 Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala; inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
Mit Øje er stadig vendt imod HERREN, thi han frier mine Fødder af Snaren.
16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi; ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
Vend dig til mig og vær mig nådig, thi jeg er ene og arm.
17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; dhiphina koo keessaas na baasi.
Let mit Hjertes Trængsler og før mig ud af min Nød.
18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
Se hen til min Nød og min Kvide og tilgiv alle mine Synder.
19 Akka diinonni koo baayʼatan, hammam akka cimsanii na jibban argi!
Se hen til mine Fjender, thi de er mange og hader mig med Had uden Grund.
20 Lubbuu koo eegi; na oolchis; sababii ani kooluu sitti galeef, akka ani qaanaʼu na hin godhin.
Vogt min Sjæl og frels mig, jeg lider på dig, lad mig ikke beskæmmes.
21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
Lad Uskyld og Retsind vogte mig, thi jeg bier på dig, HERRE.
22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa Israaʼelin furi!
Forløs, o Gud, Israel af alle dets Trængsler!

< Faarfannaa 25 >