< Faarfannaa 24 >

1 Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti; 2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera. 3 Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? 4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha. 5 Inni Waaqayyo biraa eebba, Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata. 6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti. 7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa. 8 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha. 9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf mataa keessan ol qabadhaa. 10 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun, inni Mootii ulfinaa ti.

< Faarfannaa 24 >