< Faarfannaa 22 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? Ati na gargaaruu irraa, iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta? 2 Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; ati garuu deebii naaf hin deebiftu; halkan halkanis afaan hin qabadhu. 3 Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel. 4 Abbootiin keenya si amanatan; isaan si amanatan; atis isaan oolchite. 5 Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes. 6 Ani garuu raammoodha malee nama miti; ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha. 7 Warri na argan hundinuu natti kolfu; mataa isaanii raasanii na arrabsu. 8 Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata; mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa. Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.” 9 Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege. 10 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti. 11 Ati narraa hin fagaatin; rakkinni dhiʼaateeraatii; namni na gargaarus hin jiru. 12 Korommiin baayʼeen na marsu; korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu. 13 Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu afaan isaanii balʼisanii natti banatu. 14 Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. Onneen koo gara gagaatti geeddarame; na keessattis baqe. 15 Jabinni koo akka qiraacii goge; arrabni koo laagaatti na maxxane; awwaara duʼaa keessas na ciibsite. 16 Saroonni na marsaniiru; gareen namoota hamoo na marseera; isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru. 17 Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu. 18 Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan. 19 Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin; yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu. 20 Lubbuu koo goraadee jalaa, jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi. 21 Afaan leencaa jalaa na miliqsi; gaanfa gafarsaa jalaas na baasi. 22 Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha. 23 Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa! 24 Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne yookaan hin balfineetii; yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne. 25 Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa. 26 Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu; garaan keessan bara baraan haa jiraatu! 27 Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu; 28 mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha. 29 Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu. 30 Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama. 31 Sababii inni waan kana hojjeteef, isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.

< Faarfannaa 22 >