< Faarfannaa 18 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe: Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
Nakupenda, Yahwe, nguvu yangu.
2 Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
Yahwe ni mwamba wangu, ngome yangu, yeye ambaye aniwekae kweye usalama; yeye ni Mungu wangu, mwamba wangu; ninapata kimbilio kwake. Yeye ni ngao yangu, pembe ya wokovu wangu, na ngome yangu.
3 Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
Nitamuita Yahwe kwa sababu anastahili kusifiwa, na nitaokolewa kutoka kwa adui zangu.
4 Funyoon duʼaa na xaxe; lolaan badiisaas na liqimseera.
Kamba za mauti zilinizunguka, na mafuriko yakimbiayo yalinielemea.
5 Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol h7585)
Kamba za kuzimu zilinizunguka; mitego ya mauti ilininasa. (Sheol h7585)
6 Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
dhiki yangu nilimuita Yahwe; Niliita msaada kwa Mungu. Naye alisikia sauti yangu kutoka hekaluni mwake; kuita kwangu msaada kulienda mpaka uweponi mwake; na kuingia masikioni pake.
7 Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
Kisha nchi ikatikisika na kutetemeka; misingi ya milima pia ilitetemeka na kutikiswa kwa sababu Mungu alikuwa amekasirika.
8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
Moshi ulifuka kutoka kwenye pua zake, na moto mkali ulitokea mdomoni mwake. Makaa yaliwashwa kwa moto huo.
9 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
Yeye alizifunua mbingu na alishuka chini, na giza nene lilikuwa chini ya miguu yake.
10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
Alipanda kwenye kerubi na akaruka; alinyiririka kwenye mabawa ya upepo.
11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
Yahwe alilifanya giza kuwa hema likimzunguka yeye, wingu la mvua zito katika mbingu.
12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
Mawe ya barafu na makaa ya moto yalianguka kutoka katika mwangaza kabla yake.
13 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
Yahwe aliongea katika mbingu! Sauti ya aliye juu ilisikika.
14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
Yeye aliifyatua mishale yake na kuwatawanya adui zake; na radi nyingi zenye mwanga alizitawanya katika maeneo tofauti tofauti.
15 Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin, humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
Ndipo mifereji ya maji ilitokea; misingi ya dunia ikadhihirishwa kwa mlio wa pigo lako, Yahwe kwa sauti ya pumzi ya pua zako.
16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
Yeye alishuka chini kutokea juu; akanishikilia mimi! Akanivuta nje ya maji yafurikayo.
17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
Aliniokoa kutoka kwa maadui zangu wenye nguvu, kutoka kwa wale ambao walinichukia mimi, kwa kuwa walikuwa na nguvu sana kuliko mimi.
18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
Wao walikuja kinyume na mimi katika siku ile ya dhiki yangu lakini Mungu alikuwa msaada wangu!
19 Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
Yeye aliniweka huru katika eneo pana la wazi; yeye aliniokoa kwa sababu alipenezwa nami.
20 Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
Yahwe amenitunuku mimi kwa sababu ya haki yangu; yeye amenirejesha mimi kwa sababu mikono yangu ilikuwa misafi.
21 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
Kwa kuwa nimezitunza njia za Yahwe na sijafanya uovu wa kumgeuka Mungu wangu.
22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis labsii isaa irraa hin gorre.
Kwa kuwa amri zake zote za haki zimekuwa mbele yangu; kama asemavyo, sijaenda kinyume nazo.
23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
Pia nimekuwa sina hatia mbele zake, na nimejiweka mwenyewe mbali na dhambi.
24 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
Hivyo Yahwe amenirejesha kwa sababu ya haki yangu, na kwa sababu mikono yangu ilikuwa safi mbele ya macho yake.
25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
Kwa yeyote aliye mwaminifu, jionyeshe wenyewe kuwa mwaminifu; kwa mtu asiye na lawama, jionyeshe mwenyewe kuwa usiye na lawama.
26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
Kwa yeyote aliye msafi, jionyeshe mwenyewe safi; bali ni mjanja kwa yeyote aliye geuzwa.
27 Ati warra gad of qaban ni oolchita; ija of tuulu garuu gad deebifta.
Kwa kuwa wewe huwaokoa watu walio taabishwa, lakini wewe huwashusha chini wale wenye majivuno, yaani macho yaliyo jinua!
28 Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita; Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
Kwa kuwa wewe huipa mwanga taa yangu; Yahwe Mungu wangu hutia mwanga giza langu.
29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
Kwa kuwa kwa kupitia wewe ninaweza kuruka juu ya kiwazo kilichowekwa; kupitia Mungu ninaweza kuruka juu ya ukuta.
30 Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.
Kama kwa Mungu: njia yake ni kamilifu. Neno la Yahwe ni safi! Yeye ni ngao kwa yeyote anaye kimbilia katika yeye.
31 Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees kattaan eenyu?
Kwa kuwa nani ni Mungu ispokuwa Yahwe? Nani ndiye mwamba ispokuwa Mungu wetu?
32 Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
Ni Mungu anitiaye nguvu ndani yangu kama vile mkanda, ambaye humweka mtu mwenye lawama katika njia yake.
33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
Yeye hunifanya miguu yangu kuwa myepesi kama mbawala na kuniweka mahali pa juu!
34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
Yeye hufunza viganja vyangu kwa ajili ya vita na mikono yangu kupiga upinde wa shaba.
35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; harki kee mirgaa ol na qabeera; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
Wewe umenipa mimi ngao ya wokovu. Mkono wako wa kuume umenisaidia, na neema yako imenifanya kuwa mkubwa.
36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
Wewe umetengeneza nafasi pana kwa ajili ya miguu yangu ili miguu yangu isiteleze.
37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
Ninawashawishi adui zangu na kuwakamata; nami sikurudi nyuma mpaka walipo haribiwa.
38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
Niliwashambulia hata hawakuweza kuamka; nao wameangukia chini ya miguu yangu.
39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
Kwa kuwa unanitia nguvu kama mshipi kwa ajili ya vita; wewe unawaweka chini yangu wale ambao wanainuka kinyume na mimi.
40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
Wewe ulinipa visogo vya maadui zangu; niliwaagamiza wale walio nichukia.
41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
Wao waliita msaada lakini hakuna aliye wasaidia; walimuita Yahwe, lakini hakuwaitikia.
42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake; akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
Niliwapiga wao katika vipande vidogo vidogo kama vile vumbi mbele ya upepo; niliwatupa nje kama udongo mtaani.
43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa na gooteerta; sabni ani hin beekne na tajaajila.
Wewe uliniokoa mimi kutoka katika migogoro ya watu. wewe umenifanya kichwa juu ya mataifa. Watu ambao sikuwahi kuwafahamu huntumikia.
44 Namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
Pindi tu waliposikia kuhusu mimi, wao walinitii; wageni walilazimishwa kunisujudu.
45 Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
Wageni walitoka kwenye ngome yao wakitetemeka.
46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
Yahwe anaishi; mwamba wangu usifiwe. Ainuliwe Mungu wa wokovu wangu.
47 Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
Yeye ni Mungu ambaye hutelekeza visasi kwa ajili yangu, ambaye huwatiisha mataifa chini yangu.
48 diinota koo jalaas na baasa. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
Nimewekwa huru kutoka kwa adui zangu! wewe uliniinua juu ya wale walioinuka kunyume na mimi! Wewe uliniokoa kutoka kwa watu wenye vurugu.
49 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
Kwa hiyo nitakushukuru wewe, Yahwe, kati ya mataifa; Nitaliimbia sifa jina lako!
50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, jaalala bara baraa ni argisiisa.
Mungu hutoa ushindi mkuu kwa mfalme wake, na yeye huonyesha uaminifu wa agano lake kwa mpakwa mafuta wake, kwa Daudi na ukoo wake milele.

< Faarfannaa 18 >